Whatsappin Maamiloota isaa hedduu irraa Tajaajila dhaabe

Whatsappin Mobaayiloota duraanii kan yeroon irra darbe tajaajila isaa guututti dhaabe, Guyyaa kaleessaa February 1,2020 irraa eegalee whatsappin Maamilota isaa miliyoonan lakkaayaman irraa tajaajila dhaabuu beeksise. Sababni tajaajilli kun dhaabameef nageenya maamilota keenyaa tiksuuf tarkaanfii kana fudhanne jechuun whatsappin dubbate.

Tajaajilli whatsappii kan dhaabbate faayyadamtoota Android 2.3.7 akkasuma iphon/iOS 8fi isaa gadi kan tahan irratti akka tahe ibsamee jira. faayyadamtoonni mobaayila kanneeni miliyoonan lakkaayamu waan taheef dhaabbata whtatsappii irratti miidhaa mataa isaa qabaatus Nageenya maamilota isaa eegsisuuf tarkanfii kana fudhatuuf dirqame whatsappin.

Whatsappin Mobaayiloota hin haaromfanmeefi sirna oporeetingii duraa hordofan irratti kan dhhaabbate yommuu tahu, faayyadamtoonni hedduun Aappii kana faayyadamuuf mobaayila isaanii dirqama haaromsun irra jiraata.

Murteen kun jabaa tahuu isaa kan dubbate dubbi himaan whatsappii Maamiloonni keenya yogguu ergaa iccitilee wal jijjiiran nageenyi isaanii akka tikfamu ni barbaannaa, Murtoo siirrii murteessinees jedhan.

Whatsappiin waggoota 10 dabarsine keessa Aappii baay’ee jaalatameefi hedduminaan download godhameedha, Murtoon amma murtaahe kun waggaa 3 dura kan murtaahe wajjin murtoo lammaaffaadha. Gara fuul-duraatis akkaatuma Technlogy-n fooyya’aa deemun mobaayiloota moofaa irraatti murtoon wal fakkaatan fudhatamuu ni danda’a.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time