Marsaariitota addunyaa kanarra jiru jedhamanii hin yaadamne 9

Yeroo kanatti sababa weerara vaayirasii Koroonaatiin kan ka’e namoonni waan mana oolaniif guyyaa guyyaadhaan fuula marsaariitota garaa garaa daawwachuu amaleeffataniiru. Garuu kan isaan daawwatan marsaariitota beekamoo ta’an ykn immoo kan duraan beekanidha. Yeroo tokko tokko immoo odeeffannoolee nuyi karaa facebook argannu marsaariitota addaa addaa nu barsiisu. Marsaariitota kanaas akka isaan faayidaa qaban yeroo hubannu bookmark  taasisuudhaan yeroo biraa akka salphaatti argannuuf ol kaawwanna.

Marsariitonni 9’n kanaa gaditti tarreeffaman garuu, tarii kanneen isin argitanii hin beeknee fi faayidaa adda ta’e kan kennanidha.

  • 10Minutemail.com/

Marsariitiin kun ergaa-E (Email) daqiiqaa 10 qofaaf turu banachuuf nu gargaara. Marsariitichi ergaawwan nuyi waliif erginee fi faayiloota nuyi ergine hunda daqiiqaa 10 booda ni balleessa. 10Minutemail .com akkuma banneen galmee tokko malee teessoo ergaa-E (Email Address) nuuf kenna. Dabalataanis marsaariitin Tempmail jedhamu kanaaf nu gargaara. Marsaariitota sodaachisoo yeroo bannu warra kanaan faayyadamuu dandeenya.

  • Fakenamegenerator.com/

Hundeessituu maqaa fi teessoo sobaa – (Fake Name Generator) Namoonni waa’een dhuunfaa isaanii isaan rakkisuu fi maqaa isaanii isa sirrii ifa gochuu hin feene marsaariitii kana faayyadamuun maqaa sobaa fi odeeffannoollee sobaa uumuu ni danda’u.

  • Downforeveryoneorjustme.com/

Gaaffii “Ana qofa moo namoota hunda rakkisa laata jedhuuf deebii kan laatu” Down for Everyone or Just Me Yeroo tokko tokko Kompiitarri keessan ykn bilbilli keessan marsaariitota garaa garaa banuu diduu danda’a. Marsariitichi nama hundumaaf hin banu (hojiirra hin jiru) moo ana qofaa dide kan jedhu karaa marsaariitii kanaatin beekuu nama dandeessisa.

  • timeanddate.com/

Garaa garummaa guyyoota gidduu jiru beekuuf – Date and Time Marsaariitii kanaan immoo garaa garummaa guyyootaa fi waggoota gidduu jiru baruu ni dandeessu. Fakkeenyaaf, umrii keenya guyyootaan baasuuf: guyyaa itti dhalanne, ji’aa fi bara itti galchuun addunyaa kanarra guyyaa meeqa akka jiraanne salphatti adda baasuu ykn beekuu ni dandeenya. Dabalataanis, baay’ina guyyaa nuyi barru sun ayyaanota, sanbataa fi dilbata osoo hin dabalatiinis guyyaa meeqa akka jiraanne beekuuf nu dandeessisa.

  • webcapture.net/

Fuula Marsaariitotaa kaasuuf – Web Capture Fuula marsariitota addaa addaa kaasuu fi gara JPG/JPEG, PNG ykn PDF’tti jijjiiruuf marsariitii kana fayyadamuun ni danda’ama.

  • Virustotal.com/

Faayiloonni nuuf ergaman qiinqanii (virus) dhaan miidhamuu isaanii adda baasuuf – Virus Total Hiriyyaa keenyarraa ykn namoota garaa garaarraa faayiloonni shakkisiisoon yoo nuuf ergamanii fi kallattiimaan interniita irraa kan buusnedha yoo ta’e gargaarsa marsaariitii kanaan faayilli nuuf ergame qiinqanii qabaachuu isaa fi qabaachuu dhabuu isaa adda baasuu ni dandeenya.

  • map.norsecorp.com/#/

Kaartaa (Map) hanna odeeffannoolee addunyaa keenyarraa yeroo yerootti hatamanii – IP Viking Addunyaa kanarratti hanna odeeffanoollee, hanna teessoo IP fi kkf odeeffannoo isaanii marsaariitii kana irraa argachuun ni danda’ama.

  • hackertyper.net/

Hackertyper – Marsaariitii kana bannee qubeewwan addaa addaa fi lakkoofsota yeroo cuqaasnu, fuula akka warri odeeffannoo hatan faayyadamanii nutti fida. Kanaanis,  warreen nama goowwmsan odeeffannoolee dhaabbatoota garaa garaa hataan jira jechuun hiriyoota isaanii ittiin burjaajessu.

  • strongpasswordgenerator.com/

Password Generator kan jedhamu kun Jecha darbii cimaa fi salphaatti hin cabne, akkaawuntoota akka fb, email, instagram fi kkf’niif jecha darbii cimaa isaa argachuuf nu gargaara.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time