Baatirii bilbila keessanii sirnaan itti faayyadamaa

Akkamitti baatirii bilbila keenyaa sirnaan faayyadamna?

Akka bilbilli keenya hojjatuuf sababa guddaa kanneen ta’an keessaa tokko baatirii dha. Baatiriin bilbila keenya keessa hin jiru taanaan bilbila fayyadamuu hin dandeenyu. Rakkinni baatiriin dafee dadhabuu kun mana hedduu keenyaa akka rukutee jiru beekamaadha. Maarree nutiis kana hubachuudhaan akkamitti baatirii bilbila keenyaa sirnaan itti faayyadamuu akka qabnu isiniif maxxansineerra. Falaawwan kanaa gadii sirritti dubbisaa Hojirraa oolchaa.

  • Notification balleessuu, kana jechuunis: Kanneen akka Wi-Fi, Bluetooth, GPS fi kkf balleessuu. yeroo itti faayyadamtan qofaa banuun yeroo kaan cufuun isinirra jiraata.
  • Vibration irra jira yoo ta’e gara speaker ykn immoo gara silenttti jijjiiruu. Sababni isaas, vibration’n humna baatirii keenyaa warreen kan biraa caalaa waan baay’ee fayyadamuufidha.
  • Screen auto lock filannoo dhuma irra kaa’uu. Jechuunis 5sec.
  • Ifa argii bilbila keenyaa (brightness) hir’isuu
  • Airplane (Flight) mode irra taasisuu, kunis bilbilli keenya mantagoo (Network) barbaaduuf humna inni fixu ni hambisa.
  • Baatiriin keenya amma dhumutti eeguu dhiisuu. Yoo xiqqaate yeroo inni 20% ga’u charge gochuu.
  • Internet yeroo fayyadamnu 2G yoo ta’e filatamaadha. kuni saffisa interniitaa gad buusuu danda’a garuu baatirii keessan qusachuufi Data keessan qusachuuf ni gargaara.
  • Animated Wallpaper fayyadamuu dhiisuu.
  • Moosaajota (Aappii) bilbila keenyarra jiran yeroo yerootti haaromsuu (update) gochuu, Moosaajota biroo hin faayyadmne balleessuu.

Moosaajonni bilbila keenyaa yeroo haaromsamanii dhiyaatan akka isa duraa waan baatirii hin fixneef ykn immoo baatirii akka hin fixnetti waan haaromsamanii dhiyaataniif moosaajota qabnu yeroo yerootti haaromsuun barbaachisaadha. Dabalata Moosaajota haaromsuun yeroo waliin akka tarkaanfannu nu taasisa.

  • Yeroo bilbila haaraa bitnu bilbila keenya sa’aa 16’f charge taasisuun jireenya baatirii keenyaaf baay’ee barbaachisaadha.

Hayyee dubbistoota keenya, falawwan kana fayyadamuun rakkoo karaa baatirii isinirra ga’urraa of baraaraan dhaamnsa keenyadha. Wantoota haaraa argachuuf guyyuu guyyuun nu daawwadhaa. Gara gadii kanatti yaada keessan nuuf barreessaa!

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time