Mallattoolee akka Hard-Diiskin Kompiitara keenyaa miidhame nutti agarsiisanii fi falaawwan isaa

Kompiitarri tokko akkuma RAM, Battery fi Floppy Disk malee faayidaa hin qabne, Hard-Diiskii hin qabu taanaan hojii tokko illee hojjachuu akka hin dandeenye ni beekna. Hard-Diiskiin wantoota nuti Kompiitara keenyarra keenyu hunduu kan nuuf qabatuudha. Akkuma Miimooriin miidhamtu inniis yeroo tokko tokko miidhamuu ni danda’a. Egaan Hard-Diiskiin yeroo miidhamu dokumantiin tokko tokko, viidiyooleen, faayiloonni fi kkf ni badu. Kanaafuu, rakkoowwan hedduun nurra ga’uu ni danda’a.

Haa ta’u malee, osoo Hard-Diiskichi hin miidhamiin dura mallattoolee inni agarsiisu kana hubachuudhaan faayiloota keenya gara Hard-Diiskii biraatti dabarsuu qabna. Mallattoolee inni agarsiisus:

  • Ariitiin Kompiitara keenyaa suuta jechuu.
  • Qubeewwan bifa Cuquliisaa fi adii yeroo nutti agarsiisu.
  • Irra deddeebiidhaan yeroo biizii ta’u (stack).
  • Dogoggoroota (errors) addaa addaa yeroo agarsiisuu jalqabu.
  • Kompiitarichi yeroo cufamee banamu rakkoowwan addaa addaa yoo mul’ise.
  • Softiweeronni baay’en crash ta’uu yeroo jalqaban.
  • Wantoota barbaachisoo hin taane fiduu yeroo jalqabu, Fknf: Dokumantii tokko piriintii gochuu barbaadnaan yoo waan adda ta’e fide.
  • Daataan garaa garaa yeroo badu ykn corrupt yeroo ta’an.
  • Daataa tokko banuuf yeroo dheeraa yoo fudhatu.
  • Sagaleewwan barbaachisoo hin taane Kompiitaricha keessaa yeroo ba’an.

Kompiitarri keessan mallattoolee kana hunda ni agarsiisa yoo ta’e, Hard-Diiskiin keessan yeroo dhiyootti miidhamuu waan danda’uuf daataawwan achirraa qabdan gara Hard-Diiskii biraatti dabarsuun filamataadha.

Miidhaan kun akka isinirratti rakkoo hin geessisneef wantoota muraasa taasisuu qabdu: Nuti karaa keenyan filannoolee lama kanneen barbaachisoodha jennu isiniif barreessineerra.

  • Kan jalqabaa, Sooftiweera S.M.A.R.T (Self-Monitoring, Analysis and Reporting Technology) jedhamu buusuudhaan Kompiitaricha irratti fe’uu. Faayidaan isaas, Sooftiweerichi rakkoowwan Kompiitarichi qabu nutti agarsiisuun akka nuti hiiknuuf nu gargaara.
  • Kan lammataa, immoo, yeroo yerootti faayiloota baayyee nu barbaachisu jennee yaadnu koppii biraa kaa’uu (backup). Backup gochuuf dirqama Flash Disk ykn Hard Disk’iin kan biraa nu hin barbaachisu. Interniita irra kaawwachuu ni dandeenya. Fknf: Google Drive (up to 15GB) Bakka faayiloota keessan kaayyattan GB 15 free isiniif kenna. itti faayyadamaa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time