Laptopi yoo bittan wantoota beekuu qabdan 9

Koompiitaroonni akka laptopi yeroo ammaa kanatti filannoo namoota hedduu ta’ee jira. barataa kaasee hamma hojjattoota mootummaatif faayidaa guddaa kennaa jira. Namoonni sadarkaa barnootaafi dandeettii hin qabnees laptopi bitatanii irraa faayyadamaa jiru. keessaafuu yeroo ammaa tajaajilli online irraa babal’ate kanatti xiqqaa guddaan hundi Kompiitara akka Laptopi qabaachuu ni barbaadu. Namoonni hedduunis sababa laptopin ulfaatinaa guddaa hin qabneefi iddoo tokko irraa tokkotti sochoosun salphaa taheef laptopi filatu.

Namoonni hedduun laptopi ykn desktop walumaa galatti kompiiatara yeroo bitatan maal ilaalanii bitachuu akka qaban kan hin beeknetu jira. ykn gatii qofa ilaalanii kan kiisa isaanii hin miine bitatu. Kun immoo yeroo itti fayyadaman rakkoo mataa isaa danda’e qaba. kanaaf maxxansa kana keessatti Laptopi ykn kompiitara bitachuuf wanta beekamuu qabu sagal isiniif dhiheessinee jirraa hubannaa gaarii isiniif haa ta’u.

  • Wantoota yeroo laptopi bittu ilaaluu qabdu:

1, Kuusaa ykn storage isaa beekuu: Kuusaan (stroge) wantoota jalqaba ilaaluu qabdu keessaa isa tokkoodha. Kuusaan kun dandeettii ykn ga’uumsa koompiitarri kee wantoota gara garaa baachuuf qabu jechuudha. Laptop’n tokko kuusaa gaarii qaba kan jedhamu yoo ‘hard drive’n isaa 500GB fi achii oli taheedha. Kanaafuu; yeroo laptop bittu kuusaan isaa 500GB yookin immoo isaa ol tahuu mirkaneeffachuun haalan barbaachisaadha.

  • Maallaqa hedduu yoo qabaatte = 1000GB
  • Maallaqa jiddu gala yoo qabaatte = 750GB
  • Maallaqa xiqqoo yoo qabaatte = 500GB

2, Memory RAM hangam akka tahe beekuu: Laptopi tokko tokko yoo agartan Softweera ykn Aappiilee gara garaa heddu yeroo tokko wal faana yoo banan saffisni isa ni xiqqaata ykn immoo wal xaxa / busy/ taha. baay’ee dhiphata. Maaliif isinitti fakkaata? Yoo waa’een RAM dubbatamu dhageessanii jirtuu laata? RAM’n gosa miimoorii keessaa tokko kan taheedha. kan saffisa koompiitara keenyaa yeroo wantoota gara garaa walfaana bannu too’atuudha. Akkuma kuusaan RAM keenyaa xiqqaatuun koompiitarri keenya xiqqaataa deema. Laptopin yeroo ammaa jiran RAM 4GB fi isaa oli qabu. kanaaf isin RAM 4GB filadhaa, yoo dandeessan immoo 8GB filadhaa. kanaa oliis qabeenya keessantu murteessaadha.

  • Maallaqa hedduu yoo qabaatte = Ram 16GB
  • Maallaqa jiddu gala yoo qabaatte = Ram 8GB
  • Maallaqa xiqqoo yoo qabaatte = Ram 4GB

3, Saffisa CPU beekuu: Saffisni CPU ykn processer hojii ati laptopi kee irratti hojjattu wajjiin kan deemu tahuu qaba. Kana kan murteessu intel core i3, core i5, core i7, fi kkf fakkaataniidha. Fknf; koompiitara/laptop/ intel core i3 bittee, yoo tapha (Game) itti taphataa, suur-sagalee adda addaatis irratti gulaalaa hojii garaphics fi 3D irratti hojjatta yoo tahe siif gahaa miti, yeroo laptopi bittu dursa maal akka hojjattuufi itti faayyadmtuuf beektee murteeffachuu qabda.

  • Maallaqa hedduu yoo qabaatte = core i7
  • Maallaqa jiddu gala yoo qabaatte = core i5
  • Maallaqa xiqqoo yoo qabaatte = core i3

4, Ulfaatina laptopi beekuu: Ani yeroo hedduu laptopi ulfaatinni isaanii haphii tahan nan filadha. Sababni isaas fuudhee iddoo filannoo kootii yoon geesse waan natti hin ulfaanneef. Namoonni keenya tokko tokko yeroo heddu kan itti dogongoran hammuma laptopin guddaa taheen wanti
inni hojjatuus guddaadha jedhanii yaadu, kuni dogongora Laptopi qaaman xiqqoo taate hojiin cimtuu taate jira, faallaa kanaatin Laptopi qaaman guddaa tahee hojii isaatin laafaa tahetu jira. kanaafuu Ati yogguu Laptopi bittu ulfaatina isaatis ilaalun bitachuu qabda.

4, Dandeettii agarsiisaa/display isaa beekuu: Dandeettiin agarsiisa laptopi itti faayyadamaa tokkoof baay’ee murteessaadha. Kana jechuun yeroo laptopi binnu; Resolution isaa ilaaluu qabna Fkn 1280 x 800 yoo tahe baay’ee filatamaadha. Qulqullinni isaa halluu gara garaa kan akka fedhii keenyaatti kan mul’isu tahuu qaba. Yoo halluu isaa bifa gaarin nutti mul’isuu baate ija keenyaaf rakkoo ol’aanaa tahuu danda’a. Dabalata bal’ina Fuula screen Laptopi bituu barbaannus beekuu qabna, Fkn giddu galeessan 15.6 inch yoo tahe filatamaadha.

5, keyboard barreessuf mijataa tahe filadhu: keyboard-n yoo ilaallu barreeffamaaf kan mijatan tahuu isaanii ilaalla. furdunni isaanii baay’ee fufurdoo tahuu hin qaban, qubeeleen keyboard irraa baay’ee walirraa fagaachuu hin qaban ykn kan walitti dhiyaatan gaarii miti. keyboard-n ifaa (light) ofirraa yoo qabu filatamaadha dukkana keessa teenye yoo barreesinu hedduu nu gargaara. Kanaafuu; yeroo kamiiyyuu taanaan keyboard barreessuuf nuuf mijatu beekun filachuu qabna.

6, Jireenya Baatirii: Laptopin ati bittu yeroo tokko chaarjii guuttannaan sa’aa meeqatti akka fixu beekuu qabda. Giddu galeessaan laptop-n turtii sa’aa 4-5 giddutti kan baatirii fixu ni jira. Kan hamma sa’aa 10-nis turan jiru. Kanaafuu; yeroo laptopi bittan turtii baatirii isaa beekuun baay’ee barbaachisaadha.

7, Qunnamtii fi mi’a gara garaaf banaa tahuu mirkaneessi: Qaawwa USB itti galchitu qabaachuu isaa ilaali. Qaawwa HD cable itti galchistuus ilaali, Yoo qaawwa/ hulaa heddu qabaate baay’ee filatamaadha. bakka CD itti galchituus yoo qabaate jaalatamaadha, Qaawwi chaarjii fi erphone immoo dirqama waan taheef isinitti himuun hin barbaachisu Kan biraa kaameraa qabaachuu fi qulqullina akkamiitin akka kaasu beekuu qabda.

8, ‘Operating system’ kam feeta? Operating system-n lubbuu koompiitara tokkooti. Windows, Mac OS fi Linux kan jedhaman ni jiru. kanneen keessaa kam bitachuu akka qabdu dursitee beekuu qabda. mee kana isiniif ibsuuf fkn tokko isiniif kenna, windows akka mobaayila Android-tti yoo fudhannu Mac OS akka mobaayila iphone-tti fudhachuu dandeenya. kanaafuu Kuni fedhii keessan irratti hundaa’a jechuudha.

9, Gosoota Kompiitaraa: ToshibaDellHpAcerApple fi kkf ni jiru, Kuniis filannoo keessan taha. Biyya ati keessa jirtu sanatti gosa kamtu baramaadhaa kan jedhu ilaaluu qabda, yoo na jalaa miidhamte meeshaa jijjiirraa argachuu ni danda’aa kan jedhuus yaada keessa galchuu qabda.

Walumaa galatti wantootni yeroo laptopi fi kompiitara gosa kamuu bitannu beekuu qabnu kanneen armaan olitti tarreeffaman kanneniidha. Dubbisuu keessaniif Galatoomaa. Horaa Bulaa!!

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time