Abbaan qabeenyaa facebook akkamitti Biliyeenara ta’e?

Abbaan qabeenyaa Facebook Mark Zuckerberg akkamitti Biliyeenara ta’e?

Facebook jechuun isiniif tajaajila wal qunnamtii fi yaada keessan bilisaan irratti ibsattan ta’uu mala. Garuu kubbaaniyyoota, dhaabbilee fi namoota adda addaatiif bakka oomisha ykn tajaajila, propaagandaa isaani ummatatti ibsataniidha. Beeksisa Facebook irratti beeksifachufis maallaqa xiqqoo irraa hanga maallaqa doolaara miliyoonaan lakaayamuutti Facebook-f ni kafalama.

Abbaan qabeenyaa Facebook yeroo ammaa kana Dureessa addunyaa kanaati. qabeenya mallaqaatiin addunyaa irraa 5ffaa irratti argama. Doolaara biliyoona hedduu qaba, maddi qabeenyaa isaas tajaajila wal qunnamtii hawaasummaa facebook, whatsapp fi instagram dha. Keessattuu tajaajilli facebook madda galii guddaa taheefi jira.

Nuti facebook kana kaffaltii tokko malee bilisaan fayyadamaa jirra haa ta’uu malee Facebook akka Galii guddaa argatuuf sababa ta’aafi jirra. dhaabbileen daldalaa kan facebook irratti beeksisaniif waan facebook kuni faayyadamtoota hedduu qabuufi beeksisini meeshaa isaanii karaa facebook kanaan namoota miliyoonan laakkayamu bira gahaaf. Yeroo facebook Kompiitara irratti fayyadamtan fuula facebook gara mirgaatiin beeksiisota adda addaa tu jira. Fakkeenyaf beeksisa meeshaa oomishaa kubbaaniyyaa akka Pepsi, Coca Cola, Toyota, Nissan fi kkf.. beeksisa kana fakkeenyaf tuqne malee Naannoo isin jiraattaniin wal qabatee beeksisa kumaatamaan laakkayamutu mul’ata.

Dur yeroo taajijilli miidiyaa hawaasaa (social media) kun hin babal’atin dura Dhaabbileen daldalaa meeshaa isaanii beeksifachuuf Radio, Tv fi Gaazexaa filatu. yeroo sanatti karaan meeshaa isaanii ittiin beeksifataniis kana qofa ture. Garuu yeroo ammaa Radio, Tv fi Gaazexaa irratti beeksisuu irraa social media irratti beeksisuun filatamaa dhufee jira. kana keessaa Facebook fi Google adda dureedha.

Gama biraatin facebook irra peejii (page) ni jira. namoonni peejii kana hogganan maxxansi isaaanii namoota miliyoonaan lakkayamu bira akka gahuuf yoo barbaadan Facebook-f kaffaltii ni raawwatu. Maxxansichiis wanta seera facebook hin cabsine kamuu tahu ni danda’a, kaffaltiin isaan kaffalanis baay’ina namoota beeksisni sun akka bira gahu barbaadamu fi naannoo beeksisni sun itti godhamu irratti hundaa’a. Fakkenyaaf namoota maagaala New York jiraatan fi magaalaa Finfinnee jiraatan yoo wal madaalchifnu kan magaalaa New York maallaqa guddaa kaffalchiisa. Akkasumas beeksisni sun yeroo (guyyaan) turuun maallaqa kaffaltiis dabalaa deema.

  • Wanti facebook irratti beeksifachun adda godhu maali ?

Facebook waan isin hojjattan, waan isin nyaattan, konkolaata isiin jaalattan, mobaayila isin jaalattan, galii keessan, haadha manaa/ abbaa manaa qabaachuu keessan, ijoolle meeqa akka qabdan, sadarkaa barumsa keessan, magaalaa isin jiraattan, guyyaa dhaloota keessan, umrii, Saala keessan, bakka isin itti bashanantan, fiilmi akkami akka jaalattan, kitaaba jaalattan, sirba jaalattan, dhugaati isin jaalattan, Chaanaalii TV kam akka jaalattan, Siyaasaa kam akka deeggartan, Amantii keessan, Afaanota isin dandeettan, Garee ispoortii kam akka deeggartan, gosa ispoortii kam akka jaalattan, Laaptoppi tam akka fayyadamtan, Walumaa galatti odeeffannoolee eenyummaa keessan ibsu sirriti beeka. Sababni itti beeku danda’ees isinumatu odeeffannoo keessan yeroo yeroon kennaafii jira. Yoo peejii fuula Garee Arsenal like gootan akka isin Garee kana jaalattan facebook-f himaafi jirtu kanaafu yeroo Gareen Arsenal maallaqa kafaluun beeksisa isaa facebook irratti gadi dhiisu beeksisni sun fuula facebook keessan irratti dhufa.

Walumaa galatti odeeffannoolee arman olitti ibsamani fi kanneen biroo irratti hundaa’un kubbaniyyoonni yeroo tajaajila isaanii facebook irratti beeksifatan facebook ammoo isin nama akkamii maal akka jaalattanii fi eenyuun akka taatan waan beekuf beeksisa isiniin malu fidee fuula dura isin qabuun akka yaadni keessan hatamee beeksisa san tuquun bantanii gara qabiiyyee beeksisa akka deemtan isin godha. Wanta beeksisa irra jiru laalun isin oomisha kubbaaniyichaa akka bitattan fi akka isin warra beeksisa san maxxansee yaada isaani akka fudhattan isin godha.

Gama biraatin ammoo yeroo isin facebook login gootani kaasee haga logout gootanitti facebook sochii keessan wanta isin browser irratti hojjattan hundaa odeefannoo guurratta. Yoo isin google.com irratti kitaaba wahi bitachuuf soqxan akkasumaas kitaabni sun ammoo facebook irratti mallaqni kaffalamee yoo beeksifamaa jiraate yeroo isin facebook deebitan fuula facebook keessan irratti kitaaba isin google irratti soqaa turtan sanatu isinitti dhufa. Kunoo as jira as tuqii naan dubbadhu, booda ammoo doolaara hagana kaffalii na bitadhuu taati dubbiin..

Kubbaniyyaan facebook kubbaniyyoota eenyummaa namaa guuran wajjiin wali galuun maallaqa heddu kaffaleefi odeefannoo keessan bitata. Isin yeroo teessoo email keessan websaayitoota adda addaa irratti galchitan wantoota adda addaa website irra soqxan wanti isin soqxan sun teessoo email keessan waliin wal qabsiifamuun facebookiif gurgurama booda facebook ammoo teessoo email bitate san teessoo email keessan kan isin facebook fayyadamtan saniin wal simsiisuun odeeffannoo teessoo email wajjiin bitate san hubachuun isiin nama akkami/maal akka feetan beeka. Akka kanaan beeksisoota adda addaa fedhii keessan waan beekuf yeroo facebook fayyadamtan beeksisa san isinitti fida.

Kubbaaniyyaalen akka Google, Youtube, Yahoo fi kkf-niis akkuma facebook kana godhu garu dandeetti fi humna odeefannoo namaa guuru haga facebook hin qaban, Facebook Teeknoloojii ATLAS jedhamu kan ofii isaati ummatetti fayyadamuun odeefannoo namoota guuruu fi beeksisoota adda addaa odeefannoolee saniin wal simsiisa.
ATLAS jechuun gabaabinumatti gurmuu kompitaroota (servers) heddu kan operating system facebook tajaajila beeksisaatiif oolu irratti fe’ameedha. Kompiitaroonni kunnun baayye guguddaa fi saffisa guddaa qabu kanaafu anniisaa elektriki guddaa gaafatu akkasumas sa’a 24 walitti aansuun odeefannoole biliyeenaan lakkaamawaman olii gadi waan naqaniif (process) dafanii hoo’u kanaafu qilleensaa isaan qorrisiisus guddaa fayyadamu akkasumas manni komiitaraa (servers) keessaati argaman lafa bal’ina hedduu irratti kan ijaarameedha.

Walumaa galatti Abbaan qabeenyaa facebook Mark Zuckerberg dargageessa Technoloogy ajaa’ibaa faayyadamuun Dureessa addunyaa kanaa ta’eedha.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time