Rakkoolee hoo’uu bilbilaa fi furmaata isaa

Phone heating/ Hoo’uu bilbilaa kan fidan sababoota hedduutu jira. rakkoon hoo’insa bilbilaa kun baay’inaan yeroo ammaa kan nama mudatuudha. hedduun keenya sababa isaas hin beeknu. osoo sababa hin beekin immoo furmaata argachuun hin danda’amu. kanaafuu bilbila keessan hoo’insa irraa ittisuuf qabxiilee ijoo armaan gadii 7 sirnaan hojiirra oolchaa.

1. Use Original Charger

Chaarjerii Orijinaala qofa fayyadamuu qabdu. keessumaa chaarjerii kan bilbilaa wajjin bitameen osoo faayyadamnee baay’ee gaariidha. Dabalataan dhagaa bilbila keenyaatifillee murteessaadha. kanaaf chaarjerii bilbila waliin bittan faayyadamaa yoo kana hin qabaanne chaarjerii orjinaala bitaa faayyadamaa. akkasuma namoota baay’ee waliin faayyadamuu dhiisaa.

2. Charging Phone Properly

Bilbila keessan chaarjii sirritti guutaa. ammaa amma bilbila keenya chaarjii irra keenya yoo tahe nageenyaa dhagaatiffillee gaarii miti. kanaafuu irra deddeebin chaarjii irra kaa’anii irraa fuudhuun hin gorfamu.

3. Turn Off Bluetooth & GPS & wifi

Bluetooth fi GPS keessan dhaamsaa /off godhaa. akkasuma wifi keessan yeroo faayyadamtaniin ala off tahu mirkaneessaa.

4. Avoid Multi-Tasking

Bilbila keessan irratti hojiilee walcinaa /parallel faayyadamuu hir’isaa. Fakkeenyaaf osoo Audio dhaggeeffattanii Game taphachuu yoo dhiistaan nageenyaa bilbila keessaniif murteessaadha.

5. Don’t Overuse

Yeroo dheeraaf faayyadamuun busy hin godhinaa. hanguma dandeettii bilbila keessanii itti gargaaramaa.

6. Don’t do Heavy gaming

Geemii gurguddaa hin taphatinaa. keessaayyuu intarneetin (online) irratti kan hojjatan baqachuu qabdu. yoo tapahattan immoo yeroo dheeraf walitti fufinsan taphachuu dhiisaa.

7. Don’t use Damaged Battery

Dhagaa baatirii miidhamaa ta’e (Fknf, kan asiidii fixe) faayyadamuurraa of qusadhaa.

Kunneen armaan olii maloota bilbila keessan hoo’uu irraa ittiin eegdanidha. kanaafuu sirnaan itti faayyadamaa isiniin jenna.

2 Comments
  1. Tesfu T says

    Gaariidha itti fufaa!

    1. abdulwasi says

      Dubbisuuf Galatoomaa

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time