Faayidaa Furtuuwwan Kompiitara keenyaa kanneen F1 – F12 beektuu laata?

Maxxansa kana keesstti faayidaalee Furtuu F1 irraa hanga F12 jiranii isiniif himna. itti faayyadama furtuuwwan kanneenii kana dura ni beektu yoo ta’e gaaridha. Yoo hin beeknes hin dhiphatiinaa! Furtuuwwan kunneen faayidaa hedduu qabuu Nuti immoo Faayidaa isaanii keessaa kan haalan barbaachisaa ta’an isiniif himna.

  • Qubeewwan hunda dabalatee, lakkoofsota gama lamaan jiran dabalatee, mallattoolee hunda dabalee, furtuuwwan kudha lammaan (F1-F12) dabalatee furtuuwwan Gabatee Cuqoo (keyboard) irra jiran baayyinni isaanii 100 dha.

Ammaan dura Furtuuwwan gabatee cuqoo (keyboard) irratti argaman kana (F1-F12), ifa Argii (screen) dabaluu fi hir’isuuf, muuziqaa gara fuul-duraatti dabarsuu fi gara boodaatti deebisuuf, akkasumaas sagalee dabaluu fi hir’isuuf fayyadamaa turtan ta’a. sirriidha kanneenifis ni faayyadu.

Garuu, faayidaan isaanii kanaa olitti baayyee cimaadha. Kompiitaroonni hundi furtuuwwan kana ni qabu. Kanaafiyyuu osoo homaa tokko hin sirreessiin fayyadamuu ni dandeenya. Haa ta’u malee gabatee cuqoo (keyboard) tokko tokkorratti osoo furtuuwwan kana hin fayyadamiin dura furtuu FN jedhu cuqaasuu qabna.

Maxxansa kana Hiriyyaa keessaniif qooduudhaan ofirra darbuun namaaf jiraadhaa! Faayidaa furtuuwwan F1 hanga F12’tti jiran bifa kanaa gadiin tarreessineerra.

Faayidaa – F1

  • Mallattoo ‘Windows’ waliin yeroo cuqaasnu ‘help menu’ nuuf fida.
  • Yeroo ‘Excel’ fi Jecha (Word) fayyadamnutti ‘Control’ waliin cuqaasuun ‘Hides or displays ribbon menu’ nuuf taasisa.

Faayidaa – F2

  • Alt + Ctrl + F2 – ‘Microsoft Office’ keessatti mana dookumantii banuuf
  • ‘Windows Explorer’ keessatti maqaa fooldera filamee ykn maqaa faayila filamee jijjiiruuf

Faayidaa – F3

  • ‘Windows Explorer’ keessatti amala barbaaduu (search feature) banuuf
  • Shift + F3 – Jecha keessatti qubeewwan xiqqaa irraa gara qubeewwan gurguddaatti jijjiiruuf
  • ‘Firefox’ fi ‘Chrome’ keessatti amala barbaaduu banuuf

Faayidaa – F4

  • Alt + F4 – ‘window’ cufuuf
  • Explorer’ keessatti Qaree (cursor) ‘address bar’ irra kaa’uuf

Faayidaa – F5

  • ‘Power Point’ keessatti ‘slideshow’ jalqabuuf
  • Fuula birooserootaa haaromsuuf (refresh)
  • Microsoft Office’ keessatti bakka itti barbaadanii fi bakka buusan baasuuf

Faayidaa – F6

  • Jecha ‘Microsoft’ keessatti fuula itti aanutti darbuuf
  • Ctrl + F6 – dokumantoota banamanii jiran dabareedhaan ilaaluuf

Faayidaa – F7

  • Alt + F7 – jecha ’Microsoft’ keessatti dogoggora qubee mirkaneessuuf
  • Shift + F7 – jecha ’Microsoft’ keessatti ‘Thesaurus’ banuuf

Faayidaa – F8

  • ‘Excel’ keessatti, ‘extend mode’ furtuuwwan xiyyootaaf banuuf
  • ‘Windows’ keessatti ‘safe mode’ banuuf

Faayidaa – F9

  • Ctrl + F9 – jecha keessatti dirree (field) duwwaa galchuuf
  • Jecha keessatti dirree haaromsuuf

Faayidaa – F10

  • ‘menu bar’ banuuf
  • Ctrl + F10 – jecha keessatti ‘window’ guddisuuf
  • Shift + F10 – cuqaasa mirgaa (right click) qaliin wal fakkaataadha

Faayidaa – F11

  • Birooseroota keessatti: cufuu fi Argii guutuu galchuuf
  • Shift + F11 – ‘spreadsheet’ haaraa ‘Excel’ keessatti dabaluuf

Faayidaa – F12

  • Jecha keessatti bakka ‘Save as’ banuuf
  • Shift + F12 – dookumantii jechaa ol kaa’uuf
  • Ctrl + F12 – dookumantii jechaa banuuf

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time