Google irratti iccitii hedduu hin baramin 4

Google bakka waa itti barbaadan guddicha Aaddunyaa kanaati. gaaffii keetif deebii sirrii siif kennuu danda’a akkasuma deebii wal xaxame sitti fiduus danda’a sababni kuni ta’eef ammoo abbumti fedhe marsaariitii banatee seenaa sobaafi dhugaa irratti bocuu waan danda’uufidha.

Dabalata Google waan nuti yeroo hedduu Mossaajii/Appii faayyadamuun barruus akka salphumatti Search goone barruuf haala nuuf mijjeessee jira. Kanneen keessaa waa 4 har’a isiniif dhiheessuf filanneedhaa faana bu’aa..


1, Herreega baay’ee wal xaxaa tahan furuuf. Saanduuqa Google irratti bakka waa itti barbaadan keessatti ‘Calculator’ jettanii yoo barreessitan, achi booda calculater bifa asii gadiitin isiniif baasa. isin irraa kan eegamu foormulaa sirrii barreessuudha. bu’aa isaa fiduun kan Google ta’a.

2, Sharafa maallaqaa wal jijjiiruf. Saanduuqa Google irratti ‘Currency converter’ jettanii yoo barreessitan sharafa maallaqaa biyyoota garaa garaa akka salphaatti wal jijjiirtanii bartaniif haala isinii mijjeessa. FKN asii gadii irraa hubachuun ni danda’ama.

3, Safartuuwwan adda addaa argachuuf. Safartuu yogguu jennu FKN. muraasa yoo ilaallu. Meetira gara kiilo-Meetiraatti jijjiiruf, Sa’aatii gara daqiiqatti jijjiiruf, akkasuma Dijital Storage MB gara GB-tti jijjiiranii baruuf ni gargaara. isin Google irratti ‘Conversion of measures’ jedhaa Search godhaa wantoota Safaraman hunda Salphamatti argachuu dandessu. kan safaruu barbaaddan filachuun wal madaalchisuun hojii keessan ta’a.

4, Saanduuqa Google irratti ‘Timer’ jettanii yoo barreessitan waa lama argattu. inni duraa bakka halluu magarisaan haguugame irratti Sa’aatii, Daqiiqaa, fi Sakandii akka itti guuttan isin gaafata. achi booda bakka START jedhu yogguu tuqxan yeroon isin filattan irraa Gadi lakkaayuu eegala. FKN asii gadii irraa hubadhaa.

Kan biraa akkuma suuraa asii gadii irratti mul’atu bakka halluu Keelloon haguugame STOPWATCH jedhu yoo tuqxan. Sakandii fi Micro sakandii 0 irra jiru agartu. yoo bakka START jedhu tuqxan 0 irraa eegalee yogguu ol lakkaayaa deemu agartu. FKN asii gadii irraa hubadhaa.

Dubbisuu keessaniif Galatooma!

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time