Ethio Telecom osoo hin beekamin kallattii afuriin ummata Itoophiyaa saamaa jira

Ethio Telecom akkam godhee ummata saamaa jira?

1. osoo isin hin beekin guyya guyyaan kaardiin bilbila keessanii irra hatamaa deema. Kana booda Ethio Telecomitti bilbiltanii yammuu gaafattan “lakkoofsa dijiitii sadii ykn afur qabu tokko (fknf, 8031) irratti galmoofteetta, kanaaf guyyaatti qarshii 1 isinirraa kuta” isiniin jedhama.

Garuu isin lakkoofsicharratti hin galmeeffanne ta’a, Message keessa seentanii yoo ilaaltanis waanti itti ergitan hinjiru. Kana kan godhee qarshii keessan kukkutu hojjattoota teelee sana keessa taa’anii hojii hannaatti bobba’anidha.

Mee yaadaa! Guyyaatti qarshii 1 kan isinirraa muran simcard miliyoona 1 irratti yoo akkas godhan, guyyaatti qarshii miliyoona hatanii oolu jechuudha. Kana ofirraa dhaabsisuuf 994 tti bilbiltanii ofirraa dhaabsisuu qofa. isumayyuu altokko tokko sobanii dhaabneerra isiniin jedhu, garuu hin dhaabbatu. Kun yeroo baay’ee kan nama mudatuudha.

Tole, mee kana booda nurraa dhaabbateera haa jennu, isa kanaan dura seeraan ala nurra citeef hoo eenyutu itti gaafatama? Sagalee maamilaa kan dhaggeeffatuu fi komii jiru sassaabee furmaata kan itti kennu jiraa? Hamma yoonaatti hattoonni Ethio Telecom qarshii ummataa saaman tokkolleen seeratti hin dhiyaanne.

2. Karaa kuufama (package) altokko tokko karaa paakeejii nuti bitannuutiin haala kanaan nu hatu: Fakkeenyaaf, bilbila keessanirra kaardiin homaayyuu hinjiru haa jennu. Kana booda kaardii 25 tokko guuttu. itti aansuun paakeejii internetii qarshii 5 bitattanii 20 immoo bilbilaaf hambifattan haa jennu. Kana booda internetii yoo seentan paakeejii keessan dhiisee isa qarshii 20 irraa kutuu eegala. Kana booda yoo ofirratti dammaqxanii teeleetti bilbiltanii gaafattan “Kun rakkoo system ti” isiniin jedhu. Dhugaan jiru garuu rakkoo system utuu hin taane, qarshii isin jalaa karaa malee bahe sana faayidaa dhuunfaasaaniif oolfachuu isaaniiti. isa kanaas namoota kumaan lakkaa’amanirraa yammuu akkasitti kukkutan maallaqa hedduu irraa argatu jechuudha.

3. inni kanbiroon simcard isin jalaa bade hatuudhaan. Bilbila keessantu simcard wajjin bade ykn hatame haa jennu, yeroo kanatti simcard bade cufsiistanii banachuu teelee deemtu. Teelee yeroo deemtan “Lakkoofsi kun kan keessan miti” isiniin jedhu. Kan eenyuuti? jettanii yoo gaafattanis kan obbo abaluuti isiniin jedhu. Kana booda hojjetaan teelee sun simcard sana cufee eenyummaa nama birootiin banee gatii guddaatti gurgurata. Dhugaa qabaattanillee kan isin dhagahu hinjiru. Kun yeroo baay’ee teelee godinaa fi aanaa keessatti kan raawwatamudha.

4. Ariitii fi gatii Broadband/wifi ilaalchisee: Ethio telecom mul’inatti tarkaanfii 1 fuulduraatti nu tarkaanfachiisee dhoksaattimmoo tarkaanfii 2 duubatti nu deebisaa jira. Ammayyuu itti fufee ummata Itiyoophiyaa gowwumsuu fi saamuu itti fufee jira.

Baay’ee keenyaaf Ethio Telecom bifa haaraatiin broadband/wifi nuuf galchuurratti argama. Haaluma kanaan ariitii internetii garagaraan filannoo gatii garagaraa kennuun “gatiinsaa %69 hir’ateera” jedha. sababa kanaaf namoonni baay’een broadband/wifi galfataniiru.

Iccitii keessa jiru yoo hubattan garuu gatii hir’ise osoo hin taane folloqsee saamicha guddaa isin saame.

Gatiin hir’afame jedhame ji’atti:

1mb/s = 499 birr
2mb/s = 699 birr
3mb/s = 899 birr
4mb/s = 1099 birr… jedhee itti fufa.

Fakkeenyaaf, wifi ariitii 2mb/s qabun galfadhe haa jennu. Ji’atti qarshii 699 kaffalee jechuudha. Haa ta’u malee ariitiidhaan isaa dachaa lamaa ol hir’atee argama. Kunis:- Kan galfanne 1mb/s yoo ta’e, kan nu qaqqabu garuu 200kb/s gadi. Kan galfanne 2mb/s yoo ta’e, kan nu qaqqabu 700kb/s gadi. Kan galfanne 3mb/s yoo ta’e kan nu qaqqabu 1mb/s gadi.

isa kana haqa isaa beekuuf website speedtest.net seenuun check godhaa. Yookiinimmoo app android Speed checker jedhamu fayyadamuun adda baafachuu dandeessu.

Kanaafuu, Ethio Telecom saamichaan “waggaatti bu’aa biliyoonan lakkayyamu argadhe” jechuu dhiisee haqaan hamma argachuu qabu akka argatuu fi saamicha karaa malee akka nurraa dhaabu jenna.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time