Credit card maali? Maal faayyada? ATM card wajjin garaagarummaa akkamii qaba?

Kireedit kaardiin akkuma ATM kaardii ta’ee lakkoofsa addaa mataasaa (unique) kan qabu yoo ta’u, akka addunyaalessaatti kaffaltii raawwachuuf kan nu faayyadudha. Biyya kamiyyuu yoo deemtan Credit card fayyadamuu ni dandeessu. Fakkeenyaaf, Ameerikaa yoo deemtan credit card fayyadamuun maallaqa baasuu fi kaffaltii raawwachuunii ni dandeessu.

Garaagarummaan credit card fi ATM card maali?

ATM card kan fayyadamtan qarshii herreega baankii keessaniirra jiru ittiin fudhachuufi. Credit card yeroo fayyadamtanitti garuu baankichi akka isin kaffaluu dandeessan yoo itti amane maallaqa herreega irra jirutti dabalee isiniif kenna ykn isiniif liqeessa jechuudha. ATM kaardiin yeroo baay’ee logo “VISA®” ykn “MASTERCARD®” ofirraa qaba.

Credit card ammaaf Itiyoophiyaa keessa hin jiru. garuu osoo jiraatee bu’aa akkamii qaba ture? Kreedit kaardiin biyya keenya keessa jiraachuu dhabuudhaan:- Dhaabbileen Tuurizimii miidhamaniiru, Biyyi keenya addunyaa Teknooloojii faana akka hin deemne mogolee laaffisaa tureeraa ammaas itti jira, Kaffaltii addunyaalessaa raawwachuu hin dandeenyu, Maallaqa harkatti baannee akka deemnu nu godheera. Haaluma kanaan nu harkaa baduu fi saamamuuf saaxilamneerra.

Karaa birootiin akkuma seera uumamaatti wanti faayidaa guddaa qabu miidhaa (negetive side) of keessaa hin dhabu.

Networkii biyya keenyaa amma jiruun fayyadamuun kan hin yaadamnedha. Baankiin kana jalqabuuf hamma waliigalutti goonkumaa networkiin addaan ciccituu hinqabu. Biyya tokko keessatti utuu hin jalqabamin dura uummata biyyichaa dhimma tajaajilichaan wal qabatu barsiisuun barbaachisaadha. Kanaan ala namoota baay’eerratti rakkoo fiduu ni danda’a.

Kireedit kaardiin Teknooloojiin wal qabatee faayidaa guddaa inni qabu

Softweerii ‘Licensed’ ta’e kamiyyuu activate goonee fayyadamuu dandeenya. weebsayiitiiwwan akka Amazon, Alibaba fi kkf irraa online qodaa bitachuu fi gurgurachuu ni dandeenya. walumaagalatti kireedit kaardii of eeggannoo barbaachisaa ta’een yoo fayyadamne faayidaa gudda kan qabuudha.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time