Kompiitara Desktop tokko osoo hin bitin dura qabxiilee ijoo 10 beekamuu qaban

Desktop Computer bituuf yeroo filannu waan baay’ee irratti hundaa’un ta’uu qaba. isaan keessaa hedduun keenya gosaa fi gatii kompiitarichaa qofa ilaallee binna ta’a. kuni immoo dogongoraadha. kompiitara tokko gatii xiqqaan argannee binne yoo ta’e faayidaan isaa hamma gatii xiqqaa sanaayyuu gahuu dhiisuu danda’a. Kanafuu, kompiitara tokko filattanii bituuf qabxiilee ijoo armaan gadii hubadhaa.

1. Kompiitara tajaajilaa ture irra kompiitara Haaraa filadhaa. Sababni isaas, rakkoo kompiitara sana keessa jiru hunda hubachuun rakkisaa waan ta’eefi. yoo gatii baay’ee xiqqaan argattan immoo dursa mana suphiinsa meeshaalee elektirooniksii geessuun fayyummaa isaa ilaalchisaa.

2. Kompiitarichi motherboard‘n isaa PCI Express ×16 ta’uu qaba. Kuniis card kan biroo dabaluuf isin gargaara. Fakkeenyaaf, TV card, graphics card fi kkf.

3. Qabiyyeen RAM isaa yoo xiqqaate 4GB ta’uu qaba. Kuniis kompiitarri keessan si’aawaa ta’uu agarsiisa.

4. Quad-core processor kan qabu yoo filattan gaariidha. Kuniis kompiitarri keessan saffisa kan qabu fi altokkotti Program baay’ee keessummeessuu kan danda’u ta’a.

5. Kompiitaricha mana keessatti kan fayyadamtan yoo ta’e hafarsituu qilleensa (fan) kan sagalee guddaa hin dhageessisnee fi nama kan hin jeeqne filadhaa.

6. Kompiitara all-in-one PC filadhaa. kana jechuun waa hundumaa bakka tokkotti kan qabate (monitor isaa screen baxxee ta’e kan qabu fi wantoota isin barbaachisan hunda kan qabu) filadhaa.

7. Single & high-powered graphics kan qabu filadhaa. Kuniis kompiitara keessan irratti Geemii garaagaraa kan taphattan yoo ta’e isin faayyada.

8. Qabiiyyeen hard disk isaa 500GB fi isaa ol yoo ta’e filatamaadha. Kuniis kompiitarichi faayila baay’ee akka isiniif baatuuf gargaara.

9. Humna elektiriikii xiqqoo kan fayyadamu filadhaa. Kuniis kompiitarri keessan yeroo humni elektiriikii hir’atutti akka isin faayyaduu fi baasii humna ibsaa sanaa isiniif xiqqeessuuf gargaara.

10. Kompiitara yeroo bittanitti External hard drive duukaa bitadhaa. Kuniis faayila barbaachisoo ta’an back up godhachuuf isin fayyada. yoo kompiitaricha rakkoon mudate ykn faayilli keessan kompiitaricharraa tasa bade faayila barbaachisoo ta’an external hard drive keessanirraa argattu jechuudha.

2 Comments
  1. Bereket debeso says

    Its good.

    1. abdulwasi says

      Thank you

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time