Boorsaa maallaqaa haaraya STC PAY jedhamu – Saudi Arabia

Dhaabbanni Telecomi Sa’uudi Arabiyaa STC ykn SAWA jedhamuun beekamu dhiheenya kana tajaajila haaraya hojirra oolchee jira, tajaajilli kuniis STC PAY jedhamuun beekama, Tajaajilli kun namoonni salphatti maallaqa akka waliif dabarsaniif kan faayyadu yommuu ta’u, Maalllaqa biyya keessaafi biyya alaatti erguunis ni danda’ama.

STC Pay Aappii mobaayila harkaa irratti download godhamuudha, playstore fi Appstore keessatti argachuun ni danda’ama. Hojiin isaa gabaabumatti boorsaa dijitaalaa maallaqni keessa kaayamuufi xiqqo xiqqoon akkaatuma barbaadden irraa fuutee itti faayyadamtuudha.

Jiraattonni saudi arabia STC Pay faayyadaman suuqaalee daldalaa irraa waan barbaadan ittiin bitachuu ni danda’u. kaffaltii isaanirraa eegamu raawwachuuf kaameeraa mobaayila isaanitiin QR code qophaa’ee jiru irratti qabuun dhimma itti ba’u. STC Pay maallaqa biyya alaatti erguus salphisee jira, Namni gara biyya alaatti maallaqa dabrsuu barbaade karaa baankii Western Union jedhamutti erguu ni danda’a. Namni ergameef suniis Damee western union naannoo isaa jiru deemee maallaqa kaashii fudhachuu danda’a.

Lammiileen biyya keenyaa Saudi Arabia jiraatan yoo STC Pay faayyadaman isaanis salphaatti maallaqa kara baankii western union-tti erguu ni danda’u. Akka duraanii qaaman mana baankii dhaquun isaanirraa hin eegamu, bakkuma jiraanii Aappii STC Pay faayyadamuun maallaqa karaa fedhan qabuu ni danda’u, Baankiin western union bakka hundaa damee hedduu qaba. Addunyaa guutuu irraa damee kuma dhibba shan (500,000) oli qaba. Ethiopia qofa keessaa damee 215 oli qaba, kana jechuun maallaqa keessan karaa baankii kanaan maatii keessaniif yoo ergitan isaan gayuu ni danda’a. Baankin kun bakka waajjira kophaatti qabu ni jiraa bakka tokko tokkotti ammoo baankilee biyya keessaa (local bank) waliin hojjata. FKN Baankiin Daldala Ethiopia tajaajila western union ni kenna.

STC Pay irratti galmaayun kan danda’amu Lakkoofsa bilbilaa fi Lakkoofsa ID (iqaamaa) gaafata. eega yeroo tokko irratti galmooftee Ati akka nama accountii baankii banatetti ilaalamta, STC Pay kankee irratti maallaqa guutuu yoo barbaadde Namni STC Pay faayyadamu maallaqa qabu irraa siif erguu ni danda’a ykn credit cardi yoo qabaatte maallaqa hanga barbaadde kallattiin gara STC Pay keetitti dabarsuu ni dandeessa. Hanga ammaatti kaardii sawa gara STC Pay tti guutun hin danda’amu garuu dhaabbatichi taajaajila isaa akkuma bal’isuun itti dabala jedhamee eegama.

Fayyadamtoonni STC Pay maallaqa isaanii kaashii harkatti yoo barbaadan kuniis salphaadha. Maallaqa isaanii STC Pay irraa gara Accountii baankii isaanitti dabarsuun dhaqanii fudhachuu ni danda’u ykn Aappii STC Pay jedhamu kana faayyadamuun maashina ATM naannoo isaanii jiru bira dhaqanii keessaa butuu ni danda’u, Akkasuma yoo fedhan dursa gara cedit cardi isaanitti dabarsuun maashina ATM keessaa ni butu. Tajaajila STC Pay irra deddeebin kan faayyadamtu yoo taate (karaa kanaan kaffaltii sirraa eegamu kan raawwattu yoo taate) ‘kennaa bilisaa’ ni qaba.

STC Pay tajaajila asii olitti ibsine malee tajaajila birootis ni qaba. kana caalaa hubatuuf faayyadamtoota STC Pay ta’uun isinirra jiraata. – Saud Arabia

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time