Bilbilli keessan miidhaaf akka hin saaxilamneef of eeggannoo godhamu 7

Bilbiloonni Ammayyaa Hanna Odeeffannoofi Miidhaaf akka hin Saaxilamne of Eeggannoon yeroo mara taasisuu qabnu. Tajaajilaafi Barbaachisummaan Bilbiloota Ammayyaa akkuma dabalaa deemuun Xiyyeeffannoon Hattoota Odeeffannoo fi faayilaa dabalaa dhufee jira. Balaa bilbiloota keenyarratti dhufan hirdhisuudhaaf Gorsaawwan armaan gaditti tarreeffaman torba hojiirra oolchuun barbaachisadha.

1. Kuusaa Faayilaa qopheessuufi Faayila keenya Icciteessuu:- Faayiloota bilbila keenyaarra jiran kamuu kuustuu qopheessuufii qabna. Fakkeenyaaf: Lakk. Bilbilaa, Suuraalee/video/audio fi kkf.. Koompiitara, Meeshaalee faayila qaban flash, memory ykn Cloud irra kaayuu qabna. yeroo hunda of dagachuu hin qabnu faayila akkaan nu barbaachisuuf bakka isaan malu qopheessufi qabna.

2. Maddoota amanamoo ta’an qofarraa Moosaajilee (Aappilee) fe’atuu:- Moosaajii tokko Internet irraa buusuufi fe’uu keenyaan dura madda amanamaa irraa argamuu isaa adda baafachuun barbaachisaadha. Maddoota amanamoo hin taane irraa kan buusnu yoo ta’e Moosaajileen Sooftweerii qiinqanii (virus), iccitii keenya kan hataniifi basaastotaaf fe’u ykn faayiloota keenya miidhuu danda’an.

3. Bilbiloota Ismaartii yeroo hundaa ammayyeessuu:- operating system Bilbiloota Ismaartii yeroo yeroodhaan update gochuu. Kanaanis Rakkoo Cyber nu qunnamuu danda’u ni hir’isa. Bilbilli keenya yeroon update itti godhamu yoo gahe notification irratti nu beeksifama. ykn yeroo yeroon settingii keessa seenne ‘Software Update’ kan jedhu check gochuu qabna.

4. WIFI yeroo fayyadamnu of eeggannoo gochuu:- Wifi Ummataa kan passwordii hin qabne ykn namoonni hedduun faayyadaman yeroo fayyadamnu Bilbilli keenya haala salphaadhaan Rakkoof saaxilamuu danda’a. Kanaafuu, hamma danda’ameen Wifi bilisaa fayyadamuu dhabuutu gorsama, yoo kan fayyadamnu ta’ees Nageenyummaa Wifi mirkaneessuu barbaachisa.

5. Bilbila keenyarraa Faayiloota balleessuu:- Bilbiloota keenya Kennaadhaan nama birootiif yoo kenninu ykn gurgurru Faayiloota fi Mosaajii/Aappii bilbila keenyarra jiran balleessuu keenya dagatuu hin qabnu. ykn bilbila keenya guutumatti Format yoo goochuun hedduu barbaachisaadhaa ni gorfamaas.

6. Bilbilli keenya yoo bade report gochuu:- Dhaabbileen bilbila dhiheessan bilbiloota badan seera ittiin galmeessan qabu. Bilbilli keenya yoo bade Naannoo jiraannutti Qaama Seeraa beeksisuun Bilbiloota ismaartii keenya namni biroo akka itti hin fayyadamne cufuu ykn Tajaajilaan ala gochuu danda’u. Nutiis tajaajila bilbila bade ittiin argatuun danda’amu (Find my phone) kan faayyadamnu yoo taate bilbila bade qunnamtii interniitaa qabaannan faana bu’uun ni danda’ama.

7. Lakkoofsa Darbii Cimaa fayyadamuu:- Bilbila keenya namni hin barbaadamne akka hin fayyadamne Lakkoofsa Darbii cimaa/Password/ ykn PIN fayyadamuu qabna. Keessattuu, Bilbilli keenya osoo badee Faayila dhuunfaa keenya karaa hin taaneen namoota hin barbaadamne harka akka hin galle yeroo hundaa Lakkoofsa Darbii cimaa fayyadamuu akka qabnu ni gorsama. akkasuma yeroo yeroon yoo jijjiirannees ni irra caalatti barbaachisaadha.

1 Comment
  1. AffiliateLabz says

    Great content! Super high-quality! Keep it up! 🙂

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time