Facebook keessan salphatti akka hatamuuf balleessaa isin hojjattan 4

Faayyadamtoonni miidiyaalee hawaasa yeroo yeroon dabalaa deema. kana keessaa Facebook adda dureedha. Haa ta’uu malee yeroo adda addaatti namoonni waan godhamuu qabu dhiisun ykn dagatuun Accountiin isaanii hattoota harka yeroo seenu ni mul’ata.

Namoonni baay’een Facebook koo na jalaa hatame jechuun irra deddeebin iyyata ni dhiheeffatu. Dhaabbanni Facebook Accountiin maamiloota isaa akka hin cabneef yeroo mara ni tattaafata, Gorsa adda addaatis ni dhiheessa. Sababaan Facebook keenya hattoota harka seenuf inni guddaan waan nuti gochuu qabnu dhiisun ykn dagatuu keenyan akka ta’e ni ibsama.

Wanti nuti gochuu qabnu ammoo itti dhiisne ykn daganne kan asii gadiiti. (4)

1, Facebook accountii keenyaf jecha darbii (password) salphaa tahe faayyadamuu, Facebook namoota hedduu sababaan jalaa hatamuuf keessa tokko kana. passwordii koo akkaan hin daganne sababa jedhuun salphaa kan namni hundi tilmaamuu danda’u gochuudha, Fkn lakkoofsa bilbiliaa keenya passwordii gochuu ykn 123456, 121212, 11112222 fi kkf.. gochuu kuni ammoo dogongora. Dirqama passwordin keessan jabaa tahuu qaba qubee xiqqaafi guddaan lakkofsan wal keessa laaqamuu qaba yoo symbolii adda addaa itti dabaltaniis hedduu gaarii taha. akka hin daganneef ammoo maloota adda addaa faayyadamuu dandeessu, Garuu passwordii waraqaa irratti barreessun hin gorfamu.

2, Namoota maalummaa isaanii hin beekne irraa liinkii nuuf ergamu banuufi faana bu’uu, Faayyadamtoonni facebook liinkii balaa baatanii deeman isaan gowwomsuf itti ergamuu danda’a. yeroo kana liinkin sun eenyurraa akka dhufeefi maalif akka nutti dhufe baruu qabna. yoo nama nuti hin beekne irraa nutti dhufe ija shakkiin ilaaluu qabna. callisnee waan nutti dhufe bannee waan nu gaafatu hunda itti guutun sirrii miti. yoo liinkii nuuf ergamu hunda bannee waan akka email, passwordi fi lakkoofsa keenya itti guunnu taate guyyaa tokko hattoota harkatti kufuun keenya hin oolu.

3, Passwordii keessan yeroo dheeraf osoo hin jijjiirin turuu, irra hedduun faayyadamtoota facebook eega accountii isaanii bananii osoo passwoprdii hin jijjiirin yeroo dheeraa turuu danda’u. kuni ammoo namoota irra deddeebin accountii keenya cabsuuf yaalaniif karaa bana. kanaaf yeroo yeroon passwordii keenya yoo jijjiiranne barbaachisaadha.

4, Email facebook keenya ittiin baname namoota hunda agarsiisuu, Hattooni facebook email keenya kan nuti facebook ittiin banne yoo argatan filannoo ni qabaatu, dursa email keenya hatuun boodarra ‘forgot password’ gochuun facebook keenya argachuu danda’u. kanaaf email keenya kan facebook irraa yoo dhoksine ni filatama. Dabalata Email keenya salphatti nu jalaa akka hin cabsamneef of eeggannoo barbaachisu gochuufi qabna.

1 Comment
  1. AffiliateLabz says

    Great content! Super high-quality! Keep it up! 🙂

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time