Barumsa Saayinsii Kompiitaraa online irratti barachuuf marsaariitota barbaachisoo 5

Barumsa Saayinsii Kompiitaraa sarara (online) irratti barachuuf marsaariitota barbaachisoo shan
የኮምፒተር ሳይንስን ትምህርት በመስመር ላይ (online) ለመማር 5 ድር ጣቢያ

  • 1. Stanford Engineering Everywhere (SEE)

Marsaariitiin kun Yuunivarsiitii Istaanfoordi kan biyya Amerikaatti argamuun kan hojjetame yoo ta’u, intarneetiidhaan kaffaltii tokko malee barnoota garaa garaa kan raabsudha! Yuunivarsiitichi koorsiiwwan gosa sadii irratti kan hundaa’e yoo ta’u, isaanis: Saayinsii Kompiitaraa (Computer Science), Dandeettii yaaduu Nam-tolchee (Artificial Intelligence) fi Maandisummaa Elektirikaalii (Electrical Engineering) dha.

  • 2. MIT Open fi Courseware

Marsaariitiin kun Dhaabbata Teknooloojii Maasaachuseetiin kan qophaa’e yoo ta’u; barsiisotaaf, barattootaa fi ogeessotaaf barumsa intarneetiidhaan kaffaltii tokko malee kan kennuudha. Marsaariitiin kun koorsiiwwan adda addaa kan kennu yoo ta’u; Maandisummaa Makaanikaalaa (Mechanical Engineering), Herrega (Mathematics), Saayinsii Kompiitaraa (Computer Science) fi kanneen kaanis ni kenna.

  • 3. GitHub.com

Marsaariitiin kun fakkeenyota koodiingii haala salphaa ta’een kan dhiyeessuu fi barattootas Pirogiraameroota Sooftiweerii bebbeekamoo waliin kan wal qunnamsiisudha. Akkasumas, sooftiweerota namoonni bebbeekamoon hojjetan haala salphaa ta’een dhiyeessuun akka barattoonni irraa baratanii fi ittiin shaakalan kan taasisudha.

  • 4. W3 Schools

Marsaariitiin kun bifa adda ta’een haala hojii Pirogiraamiingii fi afaan koodiingii, yaalii fi fakkeenyota gadi fagoo ta’aniin kanneen akka: AJAX, SQL, ASP, CSS, JAVA Script, HTML, C# fi kkf hojiiwwan kodiingii irratti barnoota kan kennudha.

  • 5. Codecademy

Yaadota haaraa fi Tekinikoota haaraa Saayinsii Kompiitaraa haala salphaa ta’een kan dhiyeessu yoo ta’u, ofii keenyaan ga’aa of taasisuudhaaf koorsiiwwan barbaachisan kaffaltii tokko malee dhiyeessuun marsaariitii beekamudha. Keessumattuu, namoota reefuu Koodiingii jalqabdaniif; haala dalagaa isaa jalqabaa kaatanii akka hubattan gochuurra darbee haala dalagaa fi ogummaa guddaa horachuudhaaf filatamaadha.

2 Comments
  1. dekebo says

    it is the great chance

  2. Nesredin Mohammed says

    it is great chance, I need to learn coputer science, how can I get this chance

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time