Ajaa’iba interniitii irraa kan Ati quba hin qabne -Darkweb and Deepweb

Dark Web ykn Deep Web maalidha?
ስለ ዳርክ ዌብ እና ዲብ ዌብ ምን ያውቃሉ?

Diippi Weeb/Daark Weebiin kutaa interneetii isa dhokataa yoo ta’u, namni kamiyyuu salphaatti Google, Yahoo, Bing irratti fayyadamuu ykn argachuu hin danda’u. Amma interneetii nuti fayyadamnu kun surface web jedhama. Diippi Weebiin Domain (.net, .com, .org, .edu, et…) mataasaa danda’e qaba. Innis .onion dha!

Liinkiisaa dura https osoo hin taane http jedhee jalqaba. Sababni isaas, (s) kan agarsiisu marsariitota ‘secured’ ta’an waan ta’eef, innimmoo ‘secured’ waan hin taaneef hin fayyadamu. Doomeenii .onion kana, kana dura ‘surface web’ irratti argitanii hin beektani! .onion mataasaatii kan ‘internet DNS root’ miti. Yokaan immoo kanneen akka .com, .net, .edu, .org fi kkf faana salphaatti hin lakkaawamu.

Diippi Weeb/Daark Weebiirra wanti haaraan maaltu jira?

Wantoota nama dhibanii fi dhageessanii hin beeknetu asirratti raawwatama. Gocha badii xixiqqaa irraa hanga gurguddaatu keessatti argama. Fkn,

  • Meeshaaleen waraanaa irratti ni gurguramu!
  • Qorichoonni sammuu namaa adoochan, keemikaalonni fi kkf irratti ni gurguramu!
  • Digirii sobaa, Dippiloomaa sobaa irratti ni hojjetamu!
  • Paaspoortii sobaa, eeyyama konkolaachisummaa sobaa irratti ni hojjetamu!
  • Qaamni namaa ni gurgurama (Kalee…)
  • Qorannoo fi barreefamoonni eebbaa irratti dalagamu!
  • Fiilmonni wal-qunnamtii saalaa ni gurguramu!
  • Sooftiweerotaa fi Hardiweerota hatuxxee (Hacker) ciccimoo ta’an ni gurguramu!
  • Gurgurtaa kireediit kaardii (Visa, MasterCard, Amex…)
  • Sooftiweerota seeraan alaa!
  • Fiilmota hataman!
  • Kiraayii hatuxxeewwanii (maallaqaan walii galuudhaan waan tokko akka isiniif cabsan gochuu)!
  • Jechoota darbii (password) dhaabbatoota gara garaa!
  • Meeshaalee Kontirobaandii (elektirooniksii, uffata, kopheewwan gatii baayyee gadi bu’aa ta’een)
  • Barumsoota hackers nama godhan ciccimoo!
  • Wantoonni hin taanes keessatti ni argamu (Red Room, ISIS…)

Hubaachiisa: Beekumsa walii galaaf isinii himaa jirra malee Daark weeb ykn Diipp weeb dhaqaa jechaa hin jirru!

Utuma jennuummoo, fayyadamtoonni Daark Weebii dhibbantaa 75 (75%) kan ta’an Hatuxxeewwan (Hackers) dha! Laptopi ykn kompiitara kee kan hojii itti hojjattuun garas imaluun goonkumaa sirraa hin eegamu. yeroo hedduu namoonni Laptopi/kompiitara hojii dhaabefi kana booda itti hin faayyadamu jedhaniin garas imalu.

Wantoota kanaa olitti caqasne hunda, bituufis ta’e gurguruuf ‘Bitcoin’ fayyadamu! Sababni isaas, bittaaf gurgurtaan yeroo raawwatu karaa baankii yoo ta’e, carraan qabamuu isaanii bal’aa waan ta’uufidha. Karaa ‘Bitcoin’ yoo ta’e garuu, tasayyuu hin qabaman, Eenymmaan isaanitis hin beekamu.

⚠ Daark Weebii fayyadamuuf of-eeggannoo taasifamu!

Daark Weeb faayyadamuun hin gorfamu Garuu namoonni yaalii adda addaa taasisuu jaalatan gara imalanii dhugaa fi soba jiru adda baafachuu ni barbaadu. Kanaaf wantooota asii gadii hubadhaa.

Liinkii Daark Weebii yoo argattan malee tasayyuu gara Daark Weebiitti galuu hin dandeessan. Moosaajiiwwan ykn Sooftiweerota ‘Antivirus’ ta’an ‘uninstall’ gochuu nama barbaachisa. Liinkota ‘https’ jedhanii jalqaban tasumayyuu fayyadamuun hin ta’u! Liinkota Daark Weebii tasumaa Google irratti hin faayyadamamu. Sababni isaas, Guugiliin ‘location tracking’ mataasaa danda’e qaba! Kunis, namichi fayyadamu sun eessa taa’ee akka fayyadamaa jiru ni beekama jechuudha. tasumayyuu maqaa keessan isa sirrii fi suura keessan isa sirriitiin hin faayyadaminaa.

Daark Weebii yeroo jalqaba bannu (Sign up) sarvaroota ergaa-e (Email servers) beekamtii qaban akka gmail, yahoo, hotmail… fayyadamuu hin qabdan! Isaan caalaa ‘Torbox’ (protonmail) fayyadamaa! Torrent hin fayyadamiinaa! Daark Weebii irraa wantoota buustan callistaniima hin baniinaa! (PC dhaan buustan yoo ta’e, Sandbox ykn Virtual machine dhaan banaa)

Daark Weebii irraa faayiloota PDF, txt…hin buusiinaa (keessa isaaniitii ‘Hacking script’ qabaachuu danda’u) Hatuxxeewwan ykn namoota Daark Weebii fayyadaman waliin tasayyuu hin haasawiinaa. Baayyee barbaachisaa ta’ee yoo haasoftan immoo, dagattaniiyyuu taanaan waa’ee keessan akka hin haasofne. Daark Weebii irra marsariitonni sobaa fi hannaa guutanii jiruu kanaas hubadhaa.

Hubachiisa: Daark Weebii irra hatuxxeewwan (Hackers) FBI fi Mossad jiru. Kan mootummaaf hojjetan jechuudha. Yeroo tokko ijoolleen Hindii qabamaniiru. Sababni isaas, hatuxxeewwan FBI waliin waa’ee isaanii, eessa akka jiraatan, maal akka hojjetan fi kkf haasawaa waan turaniif.

Wantoota kanaa olii bakka osoo itti hin laatiin ykn immoo waanuma faayidaa hin qabne seetanii callistanii yoo fayyadamtan kan dhufee isin qabu Teelee (Ethiotel) osoo hin taane FBI dha. (INSA yoo ta’e nama hin dhibu ofiisaayyuu hack ta’aa jira! Akka waa hubattan abdii qabna.

Hubaachiisa: Beekumsa walii galaaf isinii himaa jirra malee Daark weeb ykn Diipp weeb dhaqaa jechaa hin jirru!

1 Comment
  1. Samibiratu says

    Baayyee nama ajaa’iba

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time