Bilbila tokko osoo hin bitin dura qabxilee ijoo beekuu qabnu 6

Bilbilootni akka Android fi iphone ulaagaa garaa garaa irratti hundaa’uun gosa hedduutu gabaarra jira. Akkasumaas gatiin isaanii garaa garaadha. yeroo kanatti bilbiloota akkasii bitachuuf baay’een keenya guddina/size/ fi gatii isaa qofa ilaaluun mobaayila gaarii hin taane ykn tajaajila nuti barbaanne nuuf kennuu hin dandeenye bituu dandeenya ta’a. Kanaafuu mobaayila tokko bituuf qabxiilee ijoo 6’n armaan gadii qalbeeffachuun mobaayila tajaajila baarbaadame nuuf kennu danda’u bituun gaaridha. isaanis:

1. PROCESSORS

Yeroo baay’ee bilbilaa irratti Geemii ka taphaattan yoo ta’e, vidiyoo sa’aatii dheeraaf kan daawwattan yoo ta’e, akkasummas Editing garaa garaa ni dalagdu yoo ta’e bilbilli isin bittan processor isaa ‘Qualcom snapdragon (652/820/821)’ yoo ta’e filatamaadha. Hojiilee giddu galeessaf immoo processer ‘MedaTek’ jedhamu gahaadha.

2. KAMEERAA (camera)

Bilbila bittan sanaan suuraa kaasuuf fedha guddaa kan qabdan yoo ta’e 13mp (megapixels) fi isaa ol osoo ta’ee gaariidha. Kuniis suuraa qulqullinaan kaasuuf gargaara. Garuu namoota kaameera giddu galeessumaan faayyadamaniif 8mp gahaadha.

3. BATTERY (dandeettii chaarjii qabatee turuu)

Namootni Geemii taphachuu baay’iftan, kanneen vidiyoo sa’aatii dheeraaf ilaaltan, kanneen Edit gochuuf baay’ee itti gargaaramtan fi miidiyaalee hawaasaa hedduu faayyadamtan yoo ta’e osoo battery’n bilbilaa bittanii 3500 mAh (milliamp Hour) fi isaa ol ta’ee gaariidha. Namoota bilbila giddu galessumaan faayyadamtaniif immoo 3000mAh gahaadha. isaa gadi garuu dafee chaarjii fixa.

4. OPERATING SYSTEM

Operating system jechuun akkaataa hojii ykn sirna dalagaa jechuudha. yeroo ammaa kanatti operating system lama namootni baldhinaan faayyadamu. isaanis:-

ANDROID: Android’n Addunyaa irratti namootni baay’een kan faayyadamanidha. Bilbiloonni akka Samsung, Lenovo, Moto G, Motorola, Sony fi Kkf Android kana faayyadamu. Android’n gosa hedduutu jiru. isaanis: KitKat, lollipop, Marshmallow fi kkf dha. KitKat fi lollipop bilbiloota duraanii yommuu ta’an Marshmallow fi isaa ol kan jiran bilbloota yeroo ammaa baay’inaan faayidarra jiraniidha. Kanaafuu yoo bilbilaa bitnu Marshmallow fi isaa caalaa latest ta’ee osoo bitnee gaariidha. 

IOS: operating system kun bilbiloota iPhone yoo ta’u, faayyadamtoonni isaa baay’een akka gaarii ta’e ragaa ni bahu. Garuu akkuma faayidaa isaa gatiin isaas qaaliidha.

5. STORAGE (kuusaa)

Bilbilli isin bittan osoo bakka kuusaa faayilootaa guddaa qabaatee gaariidha. Haaluma kanaan 8GB, 16GB, 32GB, 64GB, 128GB argaachuu dandeessu. GB ol’aanaa isaa yoo filattan gaarii taha. Fkn, 64GB ykn 128GB filadhaa. Akkasumaas iPhone 10 (X) storage’n isaa hanga 512GB gabaarra ni jira.

Hubachiisa: Storage’n bilbila bituu barbadannii yoo xiqqaa ta’e ‘external memory’ fudhachuu fi hojjachuu isaa check gochuun barbaachisaadha. sababni isaa bilbilichi yoo guute memory dabalataa bittanii akka itti faayyadamtaniif isin gargaara.

6. Headphone Jack 3.5mm audio jack osoo ta’ee filatamaadha. ta’uu baatus yaraa hin jedhamu. walumaa galatti bilbila yoo bituuf jettan ulagaalee armaan olii fi maallaqa ittiin bituu barbaaddan wal madaalchisuun bilbila gaarii ta’e bitadhaa.

10 Comments
  1. Segni Wondemu says

    Just Wow

    1. abdulwasi says

      Thank you

  2. Awel Mohammed says

    Wawau bayyee namatti tola jabadhu hiriyee akkasumas gallatommi

    1. abdulwasi says

      Tole, Atiis Galatoomi

  3. Abdulkerim says

    Gallatomii hujii garii hojechutii jirtaa garuu bilbilii filatamaan kamii maqaa isaa kamii jetee yadaa

    1. abdulwasi says

      Yaada keef Galatoomi, jalqaba bara kanaa irratti bilbiloota ammayyaa filatamoo ta’an dhiheessinee turre, Ammaas isaanumatu bilbila gaaridha! kunoo https://oromiasamsung.com/mobaayila-ammayyaa-gatii-jiddu-galeessan-2020/

  4. Izeddin Kelifa says

    Thanks

  5. Ali Adem says

    Galatoomaa Hojjattoonni OromoSamsung!??

    1. abdulwasi says

      Atiis Galatoomi!

  6. Fahmii Ahmad says

    As wr wb akkam nagaya fayadhaa abdulwasi mashaa Allah
    Qabxilee Jahan (6)n keese kana akkamittii ilaluu dandenyaa ???
    Rabin sii haa jaalatuu janataa kessatii olaa nabiyii Kenyaa s.a.w siihaagodhuu.
    ✓ Galatomii

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time