Barnoota Telegram kutaa 2ffaa

Telegraama yeroo faayyadamnutti yoomeessaawwan (settings) gaarii ta’an fi akkasuma dhoksaawwan faayidaalee hedduu qaban ni jiru. kanaaf kuataa kana keessatti baay’ee barbaachsioo kan ta’an filannee ilaalla.

1. Username uummachuu

Telegraama irratti username uummachuun namni kamiiyyuu lakkoofsa bilbilaa keessan malee akka isin qunnamu kan dandeessisudha. Username qabaannaan telegramaan nama haaraa wajjin walqunnamuuf bilbila waljijjiiruun dirqamaa miti. Username uummachuuf: Telegraama keessan erga seentanii booda ‘settings’ kan jettu keessa seenuun ‘username’ kan jettu cuqaasaa. itti aansuun username qubee 6 olii filachuun itti galchaa, akka carraa ta’ee “this username is already taken” yoo isiniin jedhe, qubee ykn lakkoofsa itti dabaluun hamma inni ‘this username is available’ jedhutti yaalaa. Kana booda username keessan sanaan namni isin argachuu danda’a jechuudha. yoo feetan copy godhattanii raabsuu dandeessu.

2. Notification gubbaarraan dhufu dhaabsisuuf ykn hir’isuuf

Telegraama keessan irratti channel garaagaraa JOIN gootanii jirtu yoo ta’e, notification hin barbaachisne baay’een gubbaarraan irra deddeebi’ee isiniif dhufa. Notification kamiiyyuu akka gubbaarraan hin dhufne gochuuf: Settings > Notification & Sounds keessa seenuun ‘Popup notification’ kan jedhu cuqaasuun ‘No popup notification’ godhaa. Chat nama dhuunfaa waliin haasoftan qofti akka gubbaan isiniif dhufu gochuuf immoo Group notification jalaa qofa ‘No popup notification’ godhaa.

3. Data fi Qabiiyyee (storage) bilbila keessanii qusachuuf

Telegraamni maallaqa baay’ee fixa jedhama. Akkasumas utuu hin beekin free storage keenya hir’isaa deema. Garuu kana lamaanuu ofirraa dhaabsisuun ni danda’ama. Ofirraa dhaabsisuuf: 

a. Settings > Data & Storage > When using mobile Data (Storage keessan qusachuuf ‘when using wifi’ kan jedhus cuqaasaa) > itti aansuun mallattoo ✔️ irra jiru hunda irra kaasaa.
b. Channel, Group fi bot faayidaa hinqabne ‘leave’ godhaa. Kan xiqqoo isin faayyadu yoo ta’e immoo ‘mute’ godhaa.

4. Message dogoggoraan namatti ergitan edit gochuu fi haquuf

Telegrama irratti message dogoggoraan ergine tokko ergamee hamma sa’a 48 tti edit gochuu fi nama itti ergine biraa haquu dandeenya. Kana gochuuf message ergine sa’a 48 dura irra yoo cuqaasnu filannoo garagaraa inni fidu keessaa ‘edit’ kan jedhu jira, isarra cuqaasuun edit gochuun ni danda’ama. Akkasumas nama itti ergine sana biraa balleessuuf filannoowwan jiran keessaa Delete kan jedhu yoo filattan ‘Delete for receiver’ kan jedhu irratti ✔️ gochuun OK godhaa.

5. Bilbila keessan profile keessanirraa dhoksuuf

Namni kamiiyyuu fedha keessan malee profile keessan seenee bilbila keessan argachuu danda’a. Akka namni hin argine gochuuf: Settings > Privacy & Security > Hide Phone number from menu. inni kun gosa app telegramaa itti fayyadamaa jirtanirratti hundaa’uun bakka biroos jiraachuu mala. Kanaafuu, ‘Hide phone number from menu’ kan jedhu barbaaduun enable godhaa.

6. Online jiraachuu fi dhiisuu keessan dhoksuuf

Telegraama yeroo fayyadamtanitti toorarra jiraachuu fi dhiisuu keessan akka namni hin beekne gochuuf: Settings > Privacy & Security > Last seen kan jedhu erga seentanii booda filannoo baay’ee isiniif fida. Namni kamiiyyuu akka isin hin agarre gochuuf ‘No body’ kan jedhu filadhaa, Contacts keessan qofti akka isin argan gochuuf ‘My contacts’ kan jettu filadhaa. Akkasumas nama barbaaddan filattanii akka isin hin agarre gochuuf gara gadii ‘Never share with’ kan jettu cuqaasuun filadhaa.

7. Account Telegrama keessanii utuu hin seenin yoo turtan akka dafee delete hin taane gochuuf

Account telegramaa ji’a jahaaf (6) utuu hin seenin yoo turre ni bada. yeroo kanatti faayilaa fi chat keenya hunda wajjin bada jechuudha. Kanaafuu, isa kana ji’a jaha irraa gara waggaa tokkootti fooyyessuun ni danda’ama. Kana gochuuf: Settings > Privacy & Security > Account self destruct kan jedhu cuqaasuun ‘1year’ kan jedhu filadhaa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time