Baatiriin Moobayila fi Laappitooppi yoo du’e maal goonee sirreesina?

Baatiriin ka du’u danda’u yoo yeroo dheeraf itti fayyadamnee fi yoo humnaa ol sa’aa dheeraaf chaarjii gooneedha, keessattu yoo yeroo dheeraaf itti hin fayyadamin ni du’a.
Baatiriin maali ?, baatiriin waan anniisaa elektrikii kuusuu danda’u jechuudha,baatiriin anniisaa elektrikii kuusudhaaf jalqaba irratti xiqqatullee taatu anniisa elektrikii xiqqoo uf keessaa qabaachu qaba.
Sababni isaas, baatirii keessa anniisaan elektrikii(voltage) sibiilota gamaa gamana dhaabbatan lama irratti kuufama, adeemsa elektirononni sibiilota lamaan jiddu deemanin kuufama,akkasumas adeemsa elektirononni sibiilota lamaan jiddu deemaniin anniisa elektrikii kuufate san deebisee moobayila yookiin Kompiteraf kenna.
Kanaafu yoo baatirin du’e, elektirononni hundu keessa dhumu,homaa keessatti hin hafan jechuudha. Sababa kanaa yoo isin chaarg gochuuf chaargera moobayila yookiin Kompiteratti suuqxan, chaargi hin ta’u,sibiilota lamaan jiddu sochii jalqabaa umuuf elektirononni ni barbaachisu waan taheef, elektirononni chargeri irraa gadi dhiifaman humna waan hin qabneef utaalanii adeemsa sibilota jiddutti sochii deemsaa jalqabsiisy hin danda’an.
Kanaafu malli maali ?.
Chargerri moobayilaa anniisaa elektrikii(voltage) 5V hin caalle gara moobayila erga, kun ammoo baatirii du’e kaasuuf humna gahaa miti. Furmaanni jiru humna 5V ol erganii sochii elektironotaa jalqbsiisudha.
1. Sa’a 48hr chaarjii godhaa.
2. Meeshaa ‘regulated dc power supply’ jedhamuun to’annaadhaan anniisaa elektrikii itti gadi dhiisa, yoo batirin du’e ka’e battalumatti humna dabaluu dhaaba, xiqo sanumaan chaarg godha. Amma chaargarima isaatiin chaarg godhaa.
3. ‘Jump start’, it is dangerous and you should not try this.

Galatoomaa.

Oromo and Technology irraa

1 Comment
  1. Omarytefeta says

    It good idea thank you

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time