Wantoota dinqisiisoo Google qabu 10

1. Google search irratti jecha ‘google’ jedhu mirgarraa gara bitaatti galagalchinee yoo barreessinu ‘elgooG‘ ta’a. Haaluma kanaan address elgooG.im yoo seenne google search miragarraa gara bitaatti galagalchee nuuf fida.

2. ‘Zerg rush’ jennee google irra yoo search goone wantoota namatti tolan argattu.

3. Moggaasni amma ‘Google’ jedhame kun maqaa isaa inni sirriin ‘Googol’ ture. Sababni inni gara google tti jijjiirameefis namoonni baay’een bakka ‘Googol’ kana dogoggoraan ‘Google’ jedhanii fayyadamuu isaaniirraan kan ka’eedha.

4. Hojjettootni google ‘Googlers’ kan jedhaman yoo ta’u, namoonni haaraan gara hojii google dhufan immoo ‘Nooglers’ jedhamu.

5. Bashannanuu yoo barbaaddan google image search irratti ‘atari breakout’ jettanii search gochuun taphoota garaagaraa isiniif dhufan filachuun ittiin bohaaruu dandeessu.

6. Google’n waan isin barbaaddan sirrummaa isaa mirkaneeffachuuf karaalee garaagaraa 28 faayyadama.

7. Namni dhaabbata Google keessaa hojjetu yoo du’aan boqote/tte, haadha manaa/abbaa manaa nama sanaatiif ji’a ji’aan miindaan ni kafalamaaf. 50% waggoota 10’f fudhachuu ni danda’u. tarii yoo namni sun mucaa qabaates mucichi hamma umriin isaa waggaa 19 ta’utti ji’atti gara doolaara Ameerikaa kuma tokkootu kaffalamaaf.

8. Lafa irra jiraannu kana samii Cuquliisaa gubbaan wantoota jiran beekuuf www.google.com/sky seenuun ji’ootaa fi tuuta urjiilee daawwachuun ni danda’ama.

9. Google Maps’n addunyaa kanarraa bakka argama keessaniif wantoota naannoo keessanitti argaman, akkasumas argamaa fi wantoota biyyoota addunyaa kanaarra jiran akka isin yaaddan caalaa gad fageenyaan isin hubachiisa.

10. Dhaabbatni Google kun bakka barbaachisetti Gaala qacaree hojjechiisa. keessaafuu, bakkoota saharaa keessatti daandii ilaaluf meeshaa technology gaalitti gubbatti fe’anii adeemun. Gaalli kuniis ji’a ji’aan miindaa ni fudhatti.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time