YouTube irraa Qarshii kee baafachuuf karaa sirrii

Maxxansa kana keessatti warreen Youtube irra hojjattaniifi Hojjachuu karoorsitaniif Akkaataa maallaqa Youtube irra hojjattan ittiin argachuu dandeessan karaa sirriifi dhugaa ta’e isiniif ibsina. Maamiloonni keenya hedduun gaaffii kana nu gaafataa turaniiru Har’a guyyaan Deebii ittii argattani.

Dursa kan isin beekuu qabdan Youtube irra ni hojjatama malee Maallaqa kan nuuf kafalu Youtube miti. Maallaqa isin hojjattan kan walitti qabuufi mana baankitti isiniif ergu Google Adsense jedhama. ykn gabaabinaan Adsense jechuunii dandeenya. Youtube fi Adsense dhaabbata Googiliin hogganamu, kanaaf jarri lameen obboleewwani jechuunii dandeenya.

Adsense maali? Adsense dhaabbata Addunyaa kana irratti beeksisa online irratti raaabsudha kan beekamaa ta’eedha. Namni Youtube irraa hojjachuu barbaade tokko Adsense irratti accountii dhuunfaa isaa banachuun kan Youtube isaatin wal qabsiisa.

Youtube irraa galii argachuuf maaltu nu barbaachisa?

Ati youtube irraa galii argachuu yoo barbaadde dhaabbanni Youtube seera sadi (3) naaf guuti siin jedha, seerri youtube akka guutamuuf barbaadu yeroo yeroon ni jijjiirama, Garuu ammatti waa 3 qofa sirraa barbaada. isaanis..

  1. Seera keenya dubbisii fudhu
  2. Adsense irratti accountii bani
  3. Subscribe 1000 fi view sa’aatii 4000

Kan 1ffaa ‘seera keenya fudhu‘ jedhu kun salphaadha. saanduqa qullaa siif dhihaatu keessatti raayitii gochuun bira darbuu dandeessa. garuu raayitii itti gochuun dura seera isaa dubbistee yoo barte filatamaadha. Kan 3ffaa irra jiru Nuti yeroo hedduu irraa barreessaa turree jirra akkasuma vidiyoos itti hojjannee jirra, gabaabsinee bira darbuuf Ati Youtube kee irratti hordoftoota hedduu fiduu si gaafata.

Kan har’a irraa haasayaa jirru kan 2ffaa (Adsense) waan taheef qabxiilee asii gaditti tarreeffaman hubadhaa.

  • Beeksisa vidiyoo kee irratti bahu Kan siif ergu Adsense dha.
  • Maallaqni meeqa akka siif herreegamu achuma Youtube keessatti (Analaytics) keessa seenun baruu dandeessa.
  • Maallaqni Youtube keessatti walitti qabamu ji’a faranjoota gaafa guyyaa 11 gara accountii Adsense keetitti ergama.
  • Adsense keessan maallaqa isa gahe kana gaafa guyyaa 21 kara acconutii baankii isin filattanitti ni erga.
  • Maallaqni keessan yogguu ergame Email keessan irratti ergaan isiniif dhufa.
  • Guyyaa kana Adsense keessan yogguu galtan maallaqni duraan jiru duwwaa (0) ta’ee isin eega.
  • Achuma Adsense keessatti Biilii (darrasanyii) maallaqni itti ergame ni argattu.
  • Biilii keessan kana suuraa kaasun ykn barreeffachuun kara Mana baankii keessanitti qajeeltu.

Dhimma jabaa: Adsense keessan verify gochuun dagatamuu hin qabu

Adsense keessan verify gochuuf kan isin gargaaru piin koodii (PinCode) isin barbaachisa. Piin Koodin kun lakkoofsa iccitii yommuu ta’u Google irraa xalayaadhan bakka isin jirtanitti isiniif ergama. yoo Adsense keessan verify hin godhin maallaqa hanga feetan yoo keessaa qabaattan baasuu hin danda’amu. Kanaaf Adsense keessan irratti wantoota sirriifi dhugaa ta’an itti guutuun dirqama: FKN maqaa, lakkoofsa, bakka jiraattanii fi kkf..

Accountii Adsense irratti $10 oli yogguu geessan dhaabbanni Google kallattiin bakka isin jirtanitti Lakkoofsa iccitii (pincode) xalayaadhaan isiniif erga. isin immoo Pincode isiniif ergamu kanaan Adsense keessan verify gootu.

Yoo xalayaan Google irraa nu hin gahin maal gochuu qabna?
Adsense keenya verify gochuuf filannoo lammaffaa qabna yoo ji’a 3 keessatti pincode-in nuuf hin ergamin ykn nuuf ergamee nu hin gahin akka nuti waraqaa eenyummaa ykn Paaspoortii keenya suuraa kaafnee erginuuf nu gaafatu nutiis ni erginaafi achi booda sa’aatii 24 hanga 48 hin caalle keessatti Adsense keenya verify nuuf godhama.

Eega Adsense verify taheen booda $100 fi isaa ol keessaa yoo qabaanne gara Accountii mana baankii nuti filaannetti nuuf ergama. kan ergamuus akkuma olitti jenne ji’a faranjootaa 21tti yommuu ta’u karaa Automatic taheen ergama. Nuhirraa kan eegamu:-

  • Adsense keenya verify gochuu
  • Accountii baankii keenyaa itti guutuu
  • Doolaara 100 ol qabaachuu qofa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time