WIFI isin bira jiru tokko passwordii malee connect gochuuf

Akkamittiin WIFI barbaade Passwordii argachuu danda’a gaaffin jedhu kan namoota hedduuti. Haa ta’uutii wifi nama biroo paaswoordii argachuun ni danda’amaa? yoo paaswoordii hin argatin ‘Connect’ goonee itti faayyadamuu dandeenyaa? Deebii isiniif qabna.

Dursa kan isin beekuu qabdan, Nuti kan barsiifnu barnoota Technology faayidaa isiniif qaban qofa yommuu ta’u kan namoota ykn dhaabbata biroo irra miidhaa geessisu hin barsiifnu. Garuu kan har’a isiniif dhiheessine akkaataa WIFI paaswoordii malee connect gochuu dandeessan isiniif himna. kuniis kan ta’u yoo isin Raawutarii wifi sana dabrsu harka keessaniin qabachuu dandeessan qofaadha.

WIFI feetan tokko paaswoordii malee connect gochuuf Dirqama WIFI Router yeroo xiqqoof harka (quba) keessaniin qabachuu isin barbaachisa. Daqiiqaa tokkoo gaditti connect gochuunii ni dandeessu. WIFI kamuu ergaa connect goonee booda paaswoordii connect itti godhame sana baasuf maloonni adda addaa ni jiru kana dhuma irrati itti deebina..

WIFI isin bira jiru tokko paaswoordii malee connect gochuuf tartiiba asii gadii hordofaa.

1. Settingii keessa seenun WIFI seenta, itti aansun akkuma barame WIFI naannoo kee jiran hunda siif tarreessa. wifi tokkollee irratti tuquun sirra hin jiru.
2. Gama mirgaatin tuqaa sadi ni argatta. irratti ni tuqxaa, itti aansun bifa suura asii gadii kanaan siif baasa.

3. WPS push button kan jedhu irratti ni tuqxa, itti aansun bifa suura asii gadii kanaan siif baasa.

4. Yogguu bifa kanaan siif fide kallattiin Raawutarii wifi sanaa bakka WPS jedhu gadi qabda, achi booda bilbilli kee Raawutarii sana barbaadee Automatic Connect siif godha. Ati hanga WIFI‘n kankee connect siif godhutti gadi hin lakkiftu.

Tartiiba kanneen sirritti yoo hojjattan sakandii muraasa keessatti connect isiniif taha. WPS‘n Raawutarii hedduu irratti bakka adda addatti argamti. kanaaf isin Raawutarii sana gara gaggalchuun jecha WPS jedhu barbaaddu. Raawutarii tokko tokko irratti bifa suuraalee asii gadiitin ni argamu..

Router tokko tokko irratti
Router tokko tokko irratti
Router tokko tokko irratti

Tole, amma paaswoordii malee ‘connect’ goote haa jennuu, Paaswoordii ittiin connect godhame sana baasuu barbaaddaa? Dura duraan nu hordofi.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time