Dhaabbanni Huawei fi Google dorgommii cimaarra jiru

Amerikaan qoqqobbii akka fedha isheetti kan irra keessu dhaabbanni HUAWEI yeroo dhiyoo kanatti sirna dalagaa (operating system) mataa isaa akka hojjate beeksise. Akkuma beekamu Google’n dhaabbatta HUAWEI irra qoqqobbii kaa’ee ture, kana jechuunis bilbiloonni HUAWEI hanga dhiyoo kanaatti ba’an akka tajaajila Google hin kennine jechuudha. 

Huawei-n falli isaas sirna dalagaa mataa isaa hojjechuudha ture.

  • Sirna dalagaa HarmonyOS jedhamuus hojjateera. 
  • Open Source dha!
  • Linux, Unix fi Android duukaa Compatible ni ta’a!

Dhaabbatichi akka beeksisetti sirni inni hojjate kun bilbiloota HUAWEI waliin qofa dalaguu kan danda’anidha. Yeroo muraasa keessattis bilbiloota Android gara HarmonyOS’tti akka jijjiiru ibseera. Dabalataanis, yeroo dhiyootti moosaajota sirna kana waliin wal-ta’oo (compatible) ta’an dagaagsota (developers) isaatiin akka hojjachaa jiru beeksiseera.

Yeroo ammaa bilbiloonni HUAWEI namoota hedduu biratti jaalatamaa jiru. sababiin jaalatamaa dhufeef kaameraa fi qabiiyyee isaati. Mee wal-bira qabnee haa madaallu:-

HarmonyOS Vs AndroidOS

Haarmoonii/Harmony

  • Linux irratti kan hundaa’edha, Core hin qabu. Baayyee ariifataadha.
  • Root Access hin qabu!
  • Dorgomaa Android miti.
  • Open Source dha.

Aandirooyidii/Android

  • Linux irratti kan hundaa’edha, Core qaba. Dhibbantaa 70% ol Linux dha!
  • Root Access qaba.
  • Addunyaa irratti dorgomaadha!
  • Open Source miti!
  • Hiikkaa
  • Open Source : namni kamiyyuu akka fedhetti sirreessee irra deebi’uun hojiirra oolchuu kan danda’u.
  • Core : bu’uura hundee 

Dabalataanis dhaabbanni kun ji’a kana (May) bilbila sirna dalagaa lama qabu (HarmonyOS fi Android10OS) gabaatti akka baasu beeksisera.

Bilbilichi ji’a kana gabaatti yeroo ba’u wantoota inni qabu:-

  • 108 MP Camera
  • 1 TB Storage
  • 12 GB RAM
  • Kirin 990 processor fi 5G akka qabaatu ibsameera. kuni ammoo daraan akka jaalatamuuf hedduu isa gargaara.

Maxxansa Technology biroof Subscribe nu godhaa

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time