VPN ilaalchisee wantoota beekamuu qabaniifi of eeggannoo taasifamuu qaban

VPN jechuun maal jechuudha?

VPN (virtual private network) jechuun ujummoo dhuunfaa iccitaawaa kan uggura dhaabbilee tajaajila interneetii dhiyeessan (Internet service provider) jalaa nu baasee akka barbaannee fi bakka barbaanne nu geessu (Secure Gateway Tunneling system) dha.

Faayidaan VPN maali?

VPN faayidaa guddaa qaba. VPN barbaachisummaan isaa inni guddaan qaama odeeffannoo kennuu fi fudhatu gidduu ykn kan tajaajila kennuu fi kan tajaajila fudhatu gidduu iccitii fi nageenyi isaa kan eegame akka ta’uuf kan gargaaru yoo ta’u, Tajaajilli VPN fayyadamtoota lamaan gidduutti qunnamtii dhokataa uumuu kan danda’uudha.

VPN kaayyoon inni uumameef addunyaa interneetii kana keessatti odeeffannoo kan butanii fi nama dhuunfaa ykn dhaabbata shororkeessan baay’achuu isaaniirraan kan ka’e sirni faayinaansii fi kanneen kana fakkaataniif eegumsa gochuuf yaadameeti. Haaluma kanaan bu’aansaa milkaa’ina guddaa waan fideef tajaajilli VPN kun yeroo gabaabaa keessatti addunyaarratti carraa babal’achuufi fayyadamtoota baay’ee argachuu danda’eera.

Barbachisummaan qunnamtii dhoksaa kallattii (Secured, encrypted and privately tunneled connection) inni guddaan namoota dhuunfaa , dhaabbilee garagaraa fi fayyummaa biyya tokkoo weeraraa fi shororkii garagaraa irraa ittisuuf yaadameeti.

VPN balaa akkamii fiduu danda’a?

Appilikeeshinoota dhaabbileen VPN weebsaayiitii isaaniirraa buusanii nuuf dhiyeessan sanada walii galtee fudhannee yeroo mallatteessinee meeshaalee elektrooniksii keenyarratti yammuu feenutti iccitii keenya hundumaa akka amaanaatti dabarsinee itti laanna jechuudha. yeroo kanatti waa’ee keenya, bakka nuti jirruu fi deemnu irra darbee waa hedduu beekuu ni danda’u.

Iccitiileen VPN keessa jiran hedduudha. Barreessanii fixuunis hin danda’amu. walumaagalatti tajaajila VPN kennu hunda itti gammadnee simachuu hin qabnu.

VPN ilaalchisee gorsaawwan ijoo ta’an:

1. Aanga’oota mootummaa, Abbootii Qabeenyaa, Aktivistoota beekamoo, Gaaazexessitoota akkasumas fuula miidiyaa hawaasaa irratti sochii cimaa kan taasistan hundi VPN free ta’an yammuu fayyadamtan faayidaa argattan caalaa miidhaan isaa waan caaluuf VPN free ta’an hin fayyadaminaa. Qoodasaa gatii xixiqqoon kan gurguraman VPN seera qabeessa ta’an yoo bitattanii faayyadamtan ni gorfama.

2. Dhaabbileen dhuunfaa fi mootummaa Hojjattoota dhaabbata keessan keessa jiraniif gorsaawwan gagggaarii ta’an gorsuun inteerneetii waan gaarii ta’ee fi faayidaa qabu qofaaf akka fayyadaman barsiisaa.

Akkasumas dhaabbata keessan keessatti VPN free ta’an fe’anii akka hin fayyadamne akeekkachiisaa. Kan fe’aman qofa osoo hin taane bifa beeksiisaatiin kan browser irra dhufan waan jiraniif akka isaan of eeggannoo taasisan hubannoo kennaafii.

Kana gochuu hin dandeessan taanaan garuu kompiitara keessanirratti Psiphon VPN f Hotspot Shield VPN mobaayila irratti immoo UFO VPN, FAST VPN, Free VPN, Super VPN, Flash VPN, Secure VPN fi Rabbit VPN kan jedhaman hin fayyadaminaa.

Nuti akka keenyatti VPN Free ta’an akka fayyadamtan kan isin hin gorsine yoo ta’u, dirqama yoo isinitti ta’e immoo VPN faayyadamuu barbaaddan sana irratti hubannoo bal’aa argachuuf dursa serach gootanii yoo bartan isin gorsina.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time