Netwoorkii 1G, 2G, 3G, 4G fi 5G jechuun maal jechuudha?

Hundi keenya Netoorkii 1G, 2G, 3G, 4G fi 5G yogguu jedhamu dhagahuu dandeenya. Garuu kanneen maalummaa fi faayidaalee netoorkii kanaa adda baasanii beekan muraasa. Addunyaa kanarra netwoorkii 1G – 5G jedhamutu jira. Dursa bara 1980moota keessa 1G irraa kan eegalame yemmuu ta’uu Har’a 5G irra gayamee jira. biyya keenya keessatti tajaajilli Netoorkii 2G fi 3G bal’inaan kan jiruudha. 4G’n immoo bakkoota tokko tokkotti argachuun ni danda’ama.

Maxxansa kana keessatti garaagarummaa Netoorkiwwan kana gidduu jiru waliin ilaalla.

Networkii 1G

Gosti networkii kanaa bara 1980 – 1990 ture. ariitiin isaa 2.4Kbps (Kilo byte/second) kan hojjatu biyya tokko qofaa keessatti ture. Gosa dambalii inni fayyadamu ‘Analog’ yoo ta’u, kan jalqaba biyya Ameerikaa (USA) keessatti hanqinoota gurguddoo sadii qaba ture. Isaanis: Qulqullina sagalee dhabuu, baatirii dafee fixuu fi nageenya amansiisaa dhabuusaati. yeroo ammaa gosti networkii kanaa addunyaa kanarratti baay’inaan hin argamu.

Networkii 2G

Tajaajilli networkii 2G biyya Finland keessatti kan jalqabe yoo ta’u, bara 1991 tti dambalii dijitaalaawaa fayyadamuun saffisa hamma 64kbps kan qabuudha. Kuniis SMS fI MMS message kan erguu danda’uu fi sagalee qulqullina fooyya’aa qabu kan dhageessisudha. Hanqinni isaa, dambalii guddaa barbaada. Dambaliin isaa bakka tokkotti yoo rakkoo godhate, bakka birootiis ni dadhaba, haaluma kanaan daataa baay’ee erguu fi fudhachuu hin danda’u.

3. Networkii 2.5G

Gosti networkii kanaa 2G fi 3G gidduutti kan argamu yoo ta’u, Email erguu fi fudhachuu kan dandeessisudha. Internetii ittiin fayyadamuus ni dandeenya. Saffisni networkii kanaa 64Kbps – 144Kbps dha.

Networkii 3G

Tajaajilli networkii kanaa bara 2000 keessa kan jalqabe yoo ta’u saffisa 144Kbps – 2Mbps qaba. Haaluma kanaan Email hammaan gurguddoo ta’an erguu fi fudhachuu kan danda’uudha. Wal ilaalaa bilbiluus (video calling) ni dendeessisa. akkasumas mobaayilarratti 3D gaming kallattiin taphachiisuu fi kallattiin TV ilaaluus ni dandeessisa. Hanqinni isaa sarara networkii kanaa diriirsuun ni ulfaata, bilbiloonni kana hojjataniis dambalii baay’ee kan fayyadaman bilbila gurguddoo fi qaalii ta’anidha.

Networkii 4G

Gosti networkii kanaa saffisa 100Kbps – 1Gbps yoo ta’u maqaan isaa kan biroon MAGIC jedhamee waamama. MAGIC jechuun:
M: mobile multimedia
A: anytime anywhere
G: global mobility support
I : Integrated wireless solution
C: customized personal services

Netoorkin 4G kun addunyaa dijitaalaa kana gara gulantaa fuul-duratti tarkanfachiisuf gahee guddaa kan taphateedha. yeroo ammaa hawaasni addunyaa harki caalu Netoorki 4G kana faayyadamu. Hanqinni isaa, baatirii baay’ee fixa. akkasumas sarara isaa diriirsuuf bilbila baay’ee cimaa gatiinsaa qaalii ta’e barbaachisa. (biyyoota sadarkaa gad aanaa irra jiraniif rakkisaadha) Garuu biyyoota gurguddatan keessatti Netoorkii akkuma salphaatti argachuun danda’amuudha.

Networkii 5G

Gosti networkii kanaa saffisa 1Gbps ol kan qabu yoo ta’u, baay’ee saffisa guddaadhaan waan hunda hojjata. Akkasumas altokkotti wantoota baay’ee qulqullinaan akka fayyadamnu nu dandeessisa. Haa ta’u malee netwoorkiin kun hanga barbaadame hojjatee hin xumurre. Tajaajillisaas yeroo ammaa addunyaarratti hin babal’anne. Netoorkin 5G kun jalqaba bara 2020 keessa kan eegale yemmuu ta’u Netoorkii hawwii guddaan eegamaa tureedha.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time