Nano Technology’n maali?

Nano Technology’n maali? Yoom eegale? Faayidaa akkamii qaba? Miidhaan isaa hoo?

Nano Technology jechuun maal jechuudha?

Nano Technology jechuun Teknooloojii yeroo ammaa itti fayyadamaa jirru kana hamma (size) isaa xiqqeessuuf yaaluu jechuudha. Fakkeenyaaf, kompiitarri yeroo jalqabaaf uumame ENIAC kan jedhamu guddinni isaa hamma mana tokkoo kan gahu ture. Kanumatti fufuun Transistor fi Integrated circuit erga uumamee booda hammi guddina kompiitarichaa baay’ee xiqqaachuu danda’eera. yeroo dhiyoo asittimmoo naanoo teknoolojiin kun dachaa dachaan hojii hojjachuurratti argama.

‘Nano’ jechuun jecha Grikii yoo ta’u ‘Dwarf’ ykn baay’ee xiqqoo kan jedhamu yoo ta’u lakkoofsaan yeroo ibsinu tokko biliyoonaffaa: 1/10^9 or 10^-9 jechuudha. Teknooloojiin kun muummee fayyaarratti , akkasumas industirii konkolaataa fi xiyyaaraa keessatti gahee ol’aanaa taphachuurratti argama.

Mobaayilaa wajjin akkamiin walqabata?

Yeroo ammaa kanatti addunyaarratti beekamtii guddaa argachuun bilbila garagaraafillee tajaajila kennuurratti argama. Keessumaa iskiriinii bilbilaaf hedduu tajaajilaa jira. 

Akkamiin mobaayilarratti hojjata?

Baga gara addunyaa silicon dioxide (SiO2) nagaan dhuftan. Kana beektuu laata? iskriiniin bilbilaa SiO2 akka ta’e. Elementiin kun bifa dhangala’aatiin dhufee bilbilarratti dibamee akka gogu ta’a. Erga gogee booda qal’inni isaa 100nm akka ta’e himama. Kun ija uumamaan kan argamuu miti. kan yeroo ammaa beeksifamaa jiru isa kanadha.

Faayidaa inni qabu:

1. Akka fuullee (glass) ijaan kan hin mul’anne waan ta’eef bareedinni bilbila keenyaa hin hir’atu.
2. Duugamuu ykn soofamuu iskriinii ni hir’isa. 
3. Waterproof ta’uusaatiin bishaan hin seensisu. Akkasumas huuba garagaraa ni ittisa.
4. Uv light ittisuu ni danda’a.
5. Baay’ee lallaafaa ta’uusaarraan kan ka’e fuullee (glass) caalaatti tuttuquuf mijataadha. 

Rakkoolee kanaan walqabatan ijoo:

Asirratti kan adda baafachuu qabnu page fi miidiyaan hawaasaa tokko tokko ‘wanti kun sobadha, namoonni iskriiniin jalaa cabetu jira’ kan jedhanidha. Garuu teknooloojiin kun bilbila keenyaaf digitizer ykn touch malee iskriinii keessoo isaatii hin jabeessu. Iskriiniin uumamaan dhangala’aa waan ta’eef bakka fagoorraa ykn waan cabsuu danda’urratti yoo kufe dhangala’uu ni danda’a. Karaa biroo immoo tarii fakkeessitoonni keemikaala garagaraa fayyadamuun waan sirrii hin taane waan sirrii fakkeessanii hojjachuu danda’u.

Rakkoon tokko immoo yeroo ammaa miidiyaan mootummaa fi dhuunfaa garaagaraa ‘Waanti kun dhibee kaanserii fida’ jechuu isaaniiti. Kun garuu qorannoon kan hin mirkanoofneedha. Kan miidiyaan dubbatu akka inni balaa qabudha. Kan warra gurguranirraa dhageenyummoo ‘Bilbilli akka hin cabneef gargaara’ kan jedhudha. Gatiin dhangala’aa Kanaaf qarshii kuma 12 yoo ta’u , mobaayila tokkorratti dibsiisuufimmoo qarshii 250 dha.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time