Iccitii koodiiwwan bilbilaa Itoophiyaa keessatti faayidaa gurguddoo qaban

Iccitii koodiiwwan bilbilaa Itoophiyaa keessatti faayidaa gurguddoo qaban kan namni baayeen hin beekne.

Koodiiwwan bilbilaa garagaraa hangam beektu? Hangam itti fayyadamaa jirtu? Koodiiwwan faayidaa hedduu qaban akka armaan gaditti isiinif dhiyeessineerra jirraa itti fayyadamaa.

1. Bilbila keessanirratti yoo namni bilbilu ‘lakkoofsi kun tajaajila irra hinjiru‘ akka jedhu yoo barbaaddan gara *21*900# bilbilaa. yookiin immoo lakkoofsa dijiitii dhumaa irraa hir’isuun ofitti bilbilaa. Fknf, bilbilli keessan 091122131415 yoo ta’e gara *21*09112213141# tti bilbiltu jechuudha.

2. Bilbilaa fi Ergaa barreeffamaa gara lakkoofsa kan birootti akka darbu (divert) gochuuf gara *21*091122751415# bilbilaa. Hubachiisa: 091122751415 kan jedhu fakkeenya dha. Bakka sana lakkoofsa bilbilaa itti divert gochuu barbaaddan galchitu. Gara jalqabaatti deebisuuf #21# irratti bilbilaa. yeroo kanatti wanti divert ta’e irraa haqama. Dabalataan bilbilli keessan divert ta’uu fi dhiisuu adda baafachuuf *#21# irratti bilbilaa.

3. Bilbilli keessan yeroo busy ta’utti divert gochuuf *67*09…(lakkoofsa divert barbaaddan)# barreessuun bilbilaa. Deebistanii irraa haquuf #67# bilbilaa.

4. Bilbila keessan yeroo hin kaasnetti divert akka ta’u yoo barbaaddan *61*09…(lakk.bilbilaa)# irratti bilbilaa. Deebistanii haquuf immoo #62# irratti bilbilaa.

5. Bilbilli keessan tajaajila networkii ala yammuu ta’utti divert akka ta’u gochuuf *62*09…(lakkoofsa Bilbilaa)# irratti bilbilaa. Deebistanii haquuf #62# jechuun bilbilaa.

6. Call waiting bilbila keessanii activate gochuuf *43# irratti bilbilaa. Deebistanii haquuf #43# bilbilaa. Call waiting bilbila keessanii activate ta’ee jiraachuu fi dhiisuu adda baafachuuf *#43# irratti bilbilaa.

7. Yeroo namatti bilbiltan lakkoofsi bilbilaa keessan nama irratti bilbiltanitti akka hin mul’anne ykn lakkoofsa kan biroo ta’ee akka itti mul’atu gochuuf #31# bilbiluun itti aansuun gara nama bilbiluufii barbaaddaniitti bilbilaa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time