Namootni youtube irra hojjachaa jirtanii fi hojjachuu feetan hunduu qabxiilee kana baraa

Yeroo ammaa kanatti youtuber ta’uun hojii oogummaa fi beekumsa barbaadudha. Sababni isaa seera youtube’n bara 2018 baasee booda namoonni baay’een channel youtube banuurraa duubatti deebi’aniiru. Karaa biroon immoo namoonni kalaqa babbareedaa uumanii youtube irratti maxxansuun milka’anii kan gammadaniis jiru.

Seerichi maal ture?

Youtuber tokko youtube isaarraa galii argachuuf (Enable Monetization) akka tahuufif ulaagaa gurguddoo 3 guutuu qaba.

1. Maxxansi (vidiyoon) youtube irratti fe’amu kan dhuunfaa keetii tahuu.
2. Waggaa tokko keessatti viidiyoon youtubicha irraa sa’atii 4000 ilaalamuu qaba.
3. Waggaa tokko keessatti subscriber kuma tokkoo fi isaa ol horachuu qaba.

Kana jechuun ulaagaa sadanuu walfaana kan deemanidha. Waggaa jedhame keessatti sa’aatii 4000 ilaalamuu fi subscriber 1000 ol argachuun dirqama. Ta’ullee yeroo banamerraa jalqabee dirqama waggaa tokko keessatti utuu hin taane interval waggaa tokkoo keessatti jechuudha. 

Egaa namoonni baay’een faayidaa dafanii argachuu waan barbaadaniif ulaagaa kana guutuun ni ulfaata jedhanii irraa baqatu. Garuu utuu waan addaa gaarii fi hawwataa ta’e hojjannee viidiyoon keenya addunyaarra faca’uu (viral ta’uu) dhaan ji’oota muraasa keessattiyyuu ulaagaa kanneen guunnee fayyadamaa ta’uu ni dandeenya ta’a. Biyya keenya keessatti baay’inni nama youtube fayyadamanii baay’achaa deemullee, garuu namoonni milkaa’aa dhufan muraasa. 

Youtube irraa galii hammamiitu argama?

Akkaataan Qarshiin youtube itti herreegamu waan CPM jedhamutu jira. CPM jechuun nama 1000 beeksisa vidiyoo kee irraa ilaalan jechuudha. CPM biyya hundatti garaa gara. Fkn, CPM Itoophiyaa 1$ ykn 2$ tahuu danda’a. kan Awuroppaafi Ameerikaa $5 fi isaa ol tahuu danda’a. Gabaabsudhaaf Namni 10,000 (kuma kudhan) vidiyoo kee yoo ilaale kana keessa namni 5000 beeksisa arge yoo jenne, Ati 5$ hanga 15$ jidduu argachuun ni mala. Asirratti CPM kee ol’aanaa akka tahu yoo barbaadde hordoftoota biyyoota gurguddatan keessa jiraatan horachuu si barbaachisa.

Youtuber ‘Pewdiepie’ jedhamu kan subscribe mill 100 ol qabu waggaatti doolaara miliyoona 100 ol argata. Gara biyya keenyaa yoo dhufnu dhaabbanni sirba Artistootaa bituun ykn walii galuun raabsu kan ‘Hope Entertainment’ jedhamu tilmaamaan waggaatti qarshii miliyoona 23 ol argata.

Akkamiin qarshii guddaa akkasii argachuun danda’ama?

Qarshii guddaa akkasii argachuuf jalqabarratti obsa si barbaachisa. Lammaffaarratti dandeettii hojii gaarii hawwataa ta’e uumuu si barbaachisa. Sadaffaa irratti seera youtube sirriitti beekuu fi hojiirra oolchuu si barbaachisa. inni dhumaa ejjennoo kee maallaqarraa kaastee hojii fi kalaqa haaraa babbareechitee uumuu si barbaachisa. Ati gaggaari dalagnaan maallaqni ofiifuu ni dhufa. Yuutubilleen namoota gagggarii dalagan jajjaeessa.

Kana hunda gochuu ni dandeessa taanaan ammuma youtube banii jalqabi. Kanaan ala carraan milkaa’uu kee dhiphaadha. Kana yaadaan qabi.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time