Moosaajiwwan (apps) mobaayila keessanirraa daftanii haquu qabdan

Moosaajiwwan (apps) mobaayila keessanirraa daftanii haquu qabdanii fi gara fuulduraattiis install gochuu hinqabne. Akkuma beekamu gosoota Appii hedduutu jiru. Mobaayilli keenyas Appii malee homaa dalaguu hin danda’u. Garuu akkuma Appii faayidaa gurguddaa qaban jiran, kan miidhaa gurguddaa qabaniis ni jiru.

Moosaajiwwan (apps) miidhaa akkamii qabu kan jedhuuf, utuu isin hin beekin ykn utumaa ilaaltanii kaffaltii hin barbaachisne isin kaffalchiisu. Waan faayidaa qaban isinitti fakkaatanii isin gowwoomsuudhaan kaffaltii garagaraa keessa isin galchu, akkasuma Aappota iccitiilee keenya nu jalaa sassaabun dabarsanii gurguratn ni jiru. Appiin akkaanaa kunneen baay’een isaanii Google irratti kan jiran yoo ta’an, Playstore keessas muraasni dhokatanii jiru.

Walumaagalatti moosaajiwwan armaan gadii bilbila keessanirra yoo jiraatan haqaa, kana boodallee install akka hin goone of eeggannoo taasisaa.

I Love Filter, Tool Box Pro, X WALLPAPER , Horoscope, Beautiful camera, Color Camera, Love Photo, Tide Camera, Charming Camera, DIY Your screen, Safe Locker, Wifi Booster, Cool Desktop, Useful cube, Useful Desktop, Horoscope2.0, Yes Star, Shiny Camera, Simple Camera, Smiling Camera, Universal Camera, Amazing Toolbox, Easy capture, Memory doctor, Reborn Beauty, Joy Photo, Fancy Camera, Amazing Photo, Amazing Camera, Super Wallpaper, DD player, Fascinating camera, Universal camera, Cream Camera, Looking Camera, DD Weather, Global Weather, Love Fitness, Real star, Magic Camera, Wonder Camera, Funny Camera, Easy Camera, Smart keyboard, Travel camera, Photo Warp, Lovely Wallpaper, Lattice camera, Quick Charger, Up Camera, Photo Power, Wonderful Games, BI File Manager, Wallpapers HD, Beautiful Video-Edit your Memory, Wonderful Cam, useful cube, Exciting Games, Replica Adventure, GG Player, Love Camera, Oneshot Beautify, Pretty Camera, CuteCamera, Cartoon Camera-stylish, clean, Art Camera, Amazing Video, Fine Photo, Infinity safe, Magical Horoscope, Toolbox, Cute Belle, CartoonWallpaper, Best Camera, Colorful Locker, Light Keyboard, Safe Privacy, Enjoy Wallpaper, Fancy locker, Cute Puzzle, Smile Keyboard, Vitality Camera, Lock Now, Fancy Camera, Useful Camera, Vitality Camera, Sec Transfer, Lock Now, Magic Filter, Funny Video, Amazing Game box, Super locker

Egaan Appii olitti caqasnee keessaa tokko tokko faayidaa qabaachuu malu. Haa ta’u malee faayidaa isaaniirra miidhaa isaaniitu caala. Kanafuu Appii kanneen bilbila keessanirratti hin fe’atinaa. yoo kan fe’amee jiru jiraates irraa haqaa.

2 Comments
  1. Yahya says

    Galatoomi abdulwaasi

    1. abdulwasi says

      Tole, isiniis Galatoomaa

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time