Mana kankee taa’un hojii hojjattee maallaqa argachuuf – በኦንላይን የሚሰሩ ስምንት ስራዎች

Akkamitti mana kee taa’uun hojii hojjettee maallaqa argachuu dandeessa? Baayyeen keenya hojii kan hojjennu mana hojii deemneetidha (bakka hojiin itti hojjetamu). Namoonni addunyaa keenyaa kanneen Teknooloojiitiin fagaatan hojii mana isaanii taa’anii hojjetu. Ati mana kee keessa teessee hojii hojjechuun maallaqa argachuu ni barbaaddaa? 

Namoonni mana isaanii taa’anii sarara (online) irratti hojii hojjetan Firiilenserii (Freelancer) jedhamu. Hojiiwwan mana keessa taa’anii hojjetamuu danda’an kanneen akkamiiti? Kaffaltiis akkamitti argachuu dandeenya? Guutuu Hubadhaa

Maxxansa kanarratti hojiiwwan mana teessanii hojjechuun maallaqa argachuu dandeessan isiniif dhiyeessineerra:

1. Feesbuukii

Dandeettii addaa qabda yoo ta’e ykn immoo Feesbuukii irratti fuulli (page) kee hordoftoota hedduu qaba yoo ta’e, Feesbuukiidhaan barruu battalaa (instant article) fayyadmuudhaan maallaqa hojjechuu ni dandeessa. Barruu battalaa yeroo bantu marsariitii qabaachuu qabda. Viidiyoo addaa garaa: baacoo, siyaasa, qophii addaa garaa kan nama hawwatan dalaguudhaan yoo maxxansite maallaqa argachuu ni dandeessa. Kaffaltiin isaa kallattiimaan gara Accountii bankiitti siif gala. ykn baankiilee Elektroonikisii yoo faayyadamte karaa sanaan maallaqa kee argachuu ni dandeessa. Waggaa darbe qofa galii Feesbuukiin beeksisa irraa argate doolaara Biiliyoona 9 ture.

2. Yuutiyuubii

Baayyeen keenya osoo meeshaa tokko hin bitin dura waa’ee meeshichaa Yuutiyuubiirra barbaadna. Wanti gaarii ta’e immoo Yuutiyuubiirratti viidiyoo Teknooloojii, viidiyoo miidhaginaa, viidiyoo jabeenya qaamaa, viidiyoo bareedina manaa fi kkf ni arganna. Namoonni viidiyoolee kana hojjetan maallaqa ni argatu.

Namni kamiyyuu Yuutiyuubii waliin walii galtee taasisee (chaanaala banee, hordoftoota hedduu horatee) viidiyoo bareedaa hojjetee yuutiyuubii irra kaa’uun maallaqa argachuu ni danda’a.  Kaffaltiin isaa karaa baankii biyya keessa jiruutiin hin raawwatamuudha. Ati biyyoota Afrikaa fi biyyoota Arabaa keessa yoo jiraatte Kaffaltii Youtube argachuuf Manni baankii westernunion jedhamu Naannoo keetitti Damee qabaachuu qaba. warrooni Awuroppaafi Ameerikaa jiraattan immoo dabalataan kaffaltii karaa Maaster Kaardin argachuun ni danda’ama.

Karaalee kanaa gadiitiin Yuutiyuubiirraa maallaqa argachuu ni dandeessa.

  • Beeksisa Yuutiyuubii (YouTube Ads): Viidiyoo ati dalagdu mul’annoo (view) baayyee qaba yoo ta’e, viidiyoo kee irratti beeksisa Yuutiyuubii maxxansuun maallaqa argachuu ni dandeessa.
  • Gabaa michoomaa (Affiliate marketing): namoota dhaabbata guddaa qaban waliin walii galuun teessoo gabaa isaanii saanduqa ibsaa (description box) keessa kaa’uun gurgurtaa isaanii irraa parsantaayiiliin maallaqa argachuu ni dandeessa.
  • Ispoonsaroota beeksisuu: dhaabbatoota addaa garaa waliin walii galuun viidiyoo hojjettu keessatti gabaa isaanii beeksisuun akka walii galtee keessaniitti maallaqa argachuu ni dandeessa.

3. Upwork (Appwork)

Kun marsariitii baayyee guddaa yoo ta’u teessoon isaa Niwyoork, Amerikaa dha. Hojii hedduu waan qabuuf namni fedhe keessa seenee hojii danda’u hojjechuu ni danda’a. Haa ta’u malee, galmee irratti fudhatammummaa qabaachuf Dandeettin kee murteessaadha. Obsaa fi cimina cimaa gaafata. Aap Waarkii irratti hojjetaas hojjechiisaas ta’uun ni danda’ama. Dhaabbatichi hojii hundarraa komishinii parsantaayilii 20 (20%) ni fudhata. Kana jechuun namni hojii tokko doolaara 5’n hojjechiisuuf walii gale tokko, komishinii waliin doolaara 6 kaffala jechuudha. Namni hojicha hojjetu immoo komishinii kaffaluun doolaara 4 fudhata jechuudha. Hojiiwwan asirra jiran sa’aatiidhaan (hourly) ykn immoo qarshii dhaabbataadhaan (fixed price) hojjetamuu danda’u.

4. Fiiverii (Fiverr)

Biizinasii dhuunfaa kee jalqabuuf yoo hin dandeessu ta’e, tajaajiloota kee hujeeffannoo (platform) Firiilenserii irratti jalqabuun barbaachisaadha. Hujeeffannoo (platform) Firiilenserii keessaa beekamaan Fiverr dha. Fiiveriin marsariitii hojii sarararraa keessaa isa tokkodha. Bakki argama isaa Israa’elidha. Haala komishiiniitiin alatti Upwork irraa garaa garadha. Erga galmoofnee booda mana keenya taa’uun tajaajiloota hedduu kennuu ni dandeenya.

Maamiloota kee argachuuf, karaa addaa addaa fayyadamuu dandeessa; hiriyyoota kee haasofsiisuun, miidiyaalee hawaasaa irratti barreefama kee maxxansuun fi kkf’niin maamiloota argachuu ni dandeessa. Dabalata ati hojii kee Fiverr irratti yoggguu ol feete Namooni Fiverr dawwachuuf seenan arguu ni danda’u kallattiin achuma irratti siif barreessun haala hojichaa irraa siin mari’achuu danda’u.

5. Biloogerii /Barreessaa/

Biloogii kee irra geessituu kaa’uun namoota biloogii kee hordofan gara gabaatti geessuun maallaqa argachuu ni dandeessa. Dabalataanis, kitaabota-E (e-book) addaa garaa sarara irratti gurguruun maallaqa argachuu ni dandeessa. Miidiyaalee addaa garaaf biloogii maamiloota isaanii hawwatu barreessuun maallaqa argachuu ni dandeessa. Kan namatti tolu immoo, biloogii barreessuu jalqabuuf kan barbaachisu dandeettii barreeffamaa qabaachuu fi dandeettii filannoo jechaa qabaachuu qofaadha.

6. Nama suura kaasu (Photographer)

Suura kaasuu kan jaallatu yoo ta’e, jaalala kee kana madda galii gochuu ni dandeessa. Namni suura kaasu karaalee kanneeniin maallaqa argachuu ni danda’a:

  • Poosterii fi hojii aartii dijitaalaa marsariitotatti gurguruun
  • Suurasaa marsariitota akka ShutterStock, iStock fi BigStock’tti gurguruun. kuni suuraa bareedina qaban alarra deemtee kaasuu gaafatuus yeroo murtaa’ef suuraa hedduu kaasun achi booda mana kee teessee sarara (online) irratti gurguruu dandeessa.

7. Saxaxxuu Saphaphuu (Web designer) ykn Saxaxxuu Saxaatoo (Graphics designer)

Addunyaa keenyarraa hojiiwwan Giraafiksii wantoota hunda caalaa barbaadamoodha. Muuxannoo fi Dandeettii dizaayinii qabda yoo ta’e, hojiiwwan sararraa kana gadii hojjechuu ni dandeessa:

  • Dizaayinii Aasxaa (Logo) 
  • Dizaayinii Marsariitii fi fuula lafaa
  • Dizaayinii Moosaajii bilbilaa (Aappii)
  • Dizaayinii Poosteraa, beeksisaa fi gabaa
  • Dizaayinii Kaardii Biizinasii fi kkf hojjechuu ni dandeessa.

8. Hojii Gorsaa (Consultant or Adviser)

Naannoo jiraattutti ati hayyuudha yoo taate, namoonni sirraa barachuu fi muuxannoo kee qooddachuu ni barbaadu. Kanaaf wantoota kanaa gadii sarararratti gorsuu ni dandeessa.

  • Biizinasii fi dandeettii hojii uumuu
  • Gabaa fi gurgurtaa
  • Walitti dhufeenya hawaasummaa
  • Fayyaa fi sosochii qaamaa
  • Baranee (Fashion) fi Haalata (Style)
  • Ogummaa bareedinaa fi kkf gorsuun maallaqa argachuu ni dandeessa.

Kanneen qofa miti, sarara (online) irratti geemii taphachuudhaan maallaqa argachuun ni danda’ama; kanaaf fkn kan ta’u SWAGBUCKS dha. Dabalataanis, beeksisoota dubbisuun maallaqa argachuu ni danda’ama. Garuu kunniin kaffaltiin isaanii xiqqoodha irra caalatti namoota abdii kutantu garas imala. Kanaaf Nuti kan isin gorsinu Kaayyoo qabaadhaa, Qorannoo bal’aa taasisaa, Namoota waan kanaa beekan irraa muuxannoo fudhaa, Hojii keessan tokko jedhaa eegalaa. Ni milkooftu!

1 Comment
  1. Legese says

    Best

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time