Laptopi keessan paaswoordii isaa yoo dagattan osoo format hin godhin seenuf

Paaswoordiin Laptopi/Kompiitara keessanii yoo isin jalaa bade osoo faayilli keessan hin badin banuu ni dandeessu.
የተረሳ የይለፍ ቃል (password) ከላፕቶፕዎ ላይ ለማስወገድ

Jecha darbii Kompiitara keessanii yoo dagattan baay’ee hin rakkatinaa akkaataa ittiin data ykn faayila tokkollee osoo hin gatiin banachuu dandeessan maxxansa kanarratti isiniif dhiyeessineerra.

Sooftiweeriin isin barbaachisu ‘Spotmou Bootsuite.iso’ yoo ta’u, Sooftiweerii kana Interneetii irraa argachuu ni dandeessu. Sooftweerii Spotmou Bootsuit.iso kanaan banachuuf tartiibawwan kana hordofuu qabdu: (Dogongora tokko malee raawwachuu qabdu)

Step 1: Jalqabarratti Sooftweericha Interneetii irraa buusnee Filaashii ykn CD tti feena. (Kompiitara adda biraatiin)
Step 2: Kompiitara keenya switch off goona.
Step 3: Filaashii ykn CD irratti feene kompiitara keenya waliin wal qunnamsiisnee kompiitaricha switch on goona, ergasii F12 (boot key) (Laaptooppii HP’f immoo F9) tuqna.
Step 4: Boot sequence kan jedhu yeroo nuuf dhufu USB kan jedhu filannee ajajasaa hordofna.
Step 5: Kompiitarichi erga banamee booda Spotmou Bootsuite2012 Application kan jedhu nuuf bana.
Step 6: Moosaajicha irraa password and key finder kan jedhu filanna.
Step 7: Ergasii Admin Password Re-setter kan jedhu tuqna.
Step 8: Please select the target window kan jedhu jalaa Window Version (XP/7/8/8.1/10) kompiitara keenyaa filanna. Itti fufees please select the target user kan jedhu jalaa User Account banuu barbaadne filanna ergasii reset kan jedhu tuqna itti aanuun ok tuqna kana booda yes tuqna.
Step 9: Xumura irrattis ergaan Password is reset successfully jedhu sin gaha.
Step 10: Kompiitaricha cufnee deebinee banna ykn reboot goona.

Tartiiba kana hunda sirritti hojirra yoo oolchitan 100% ni hojjata. Data keessan guutuu akka duraan turetti argattu!

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time