Itiyoo Telekoom burjaajjii ittisuuf hojjachaa jiraachuu hime

Burjaajjii teelekoom maallaqa guddaa baasisaa jiru ittisuuf nageenya dhaabbatichaa oodiitii gochuudhan hojiileen addaddaa hojjetamaa jiraachuu hoji raawwachiistun Iityoo Teelekoom aadde Fireehiywat Taammiruu himan.

Burjaajjiin teelekoom addunyaarratti yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuus himaniiru. Burjaajjii kanaanis sadarkaa idil addunyaatti teelekoomni Doolaara biiliyoona 30 dhabaa jira.

Aadde Fireehiywat Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turmaata taasisaniin akka beeksisanitti Iityoo Teelekoom burjaajjii waamicha bilbilaa alaatin sharafa alaa dhabaa jira.

Bilbila alaa gara biyyaatti bilbilamee lakkoofsa biyya keessatiin ba’uun qofa bara darbe Iityoo Teelekoom Birrii biiliyoona 2.5 dhabeera. Akkaataa muuxannoo idil addunyaatin yammuu ilaallamu burjaajjin %85 hojjettoota dhaabbatichaatin raawwatama.

Burjaajjii bilbilaa kanas ittisuudhaf Jimaata darbe siistamni haaran hojii eegaluusaa eeranii, guyyoota muraasa qofatti bu’aa argamsiisuusaa himan. Kanaan ala shakkamtoota dhaabbaticha burjaajjessan manneen murtiitti dhiyeessudhaan dhimma isaanii hordofaa jiraachuu eeraniiru.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time