Hannaafi Gowwoomsaa Online irratti raawwatamurraa of eegaa, yeroo keessaniis hin gubinaa

Addunyaa interneetaa kana irra namootni karaa qaxxaamuraan maallaqa argachuu barbaadan ni jiru, jarri kunneen warroota waa’ee hojii online hin beekne (karaa kanaan qarshii argatta jechuun) gowwoomsun ofii duroomanii warra isaanif gowwoome harka duwwaa hanbisu.

Dhiheenya kana namoonni baay’een websaayitii fi Telegram Bot tokko tokko irraa maallaqa arganna jedhanii yogguu share godhan ni mul’ata. kanneen gara keenya dhufuun maallaqa online irra hojjadhe baafachuu barbaada kan nuun jedhaniis ni jiru. Namoota gara keenya dhufan keessaa hedduun warreen weebsaayitii dhumni isaa .xyz jedhu irra hojjataniidha. Nuti immoo website akkanaa kun kan hattootaa akka taheefi maallaqni as keessatti hojjatame bahuu akka hin dandeenye himaafi turre. Har’a maamiloota keenya hundaaf ifa akka tahu kunoo isin hubachiifna.

FKN, websaayitiin akkasii https://hcumoney.xyz/ baay’een yeroo amma guutanii jiru. al tokko weebsaayitichi erga banamee gadhiifamee booda namoonni baay’een yeroo waliif qoodan argina.

Fakkeenyaaf: Namni tokko maallaqa jedhame argachuuf nama 50 oliif share godhee galmeessuu qaba yoo jedhame, namoonni 50ni suniis mata mataasaaniitti nama shantama galmeessu.  Yeroo kanatti namni jalqaba 50 galmeesse sun weebsaayitichi soba ta’uusaa dursee bara. Garuu wantichi namoota baay’eetti faffaca’ee waan jiruuf namoota sana hundumaa soba ta’uusaa hubachiisuun ni ulfaata.

Liinkicha guyyaatti namoonni miliyoonaan lakkaa’amintu seenaa oola. Kanaafuu, namoota soba ta’uusaa hin beekne hunda biraan gahuuf miidiyaa gurguddaan raabsuu barbaada. Garuu fuula Facebook fi telegram gurguddaa irratti soba ta’uusaa yoo hubachiisne namoota baay’ee biraan gahuu dandeenya ta’a. kanneen website sobaa kana uumun ummata burjaajessan yeroo hedduu Nayijeeriyaa, Hindii fi Afrikaa kibbaa irraayi. websaayitiin akkanaa kun tarkanfin yoo irratti fudhatame jarri immoo kan biroo banu, ammaas tarkanfin fudhatmnaan kan biroo banaa deemu. akkasumatti hawwii isaanii guuttachaa adeemu.

Weebsaayitii sobaa uumuun maaliif barbaachise?

Namoonni websaaytii kana uuman, namoota internetii fayyadaman gowwoomsanii weebsaayitii isaaniirratti galmeessuufi. Namni yogguu link isaanii tuqee website isaanii galu bu’aa irraa argatu. Fakkeenyaaf, guyyaatti namoonni kuma 100 yoo seenan, Abbaan websaayitichaa guyyaatti galii qarshii kuma hedduutti tilmaamamu argata jechuudha. akkasuma ‘Data’ odeeffannoo namootaa walitti qabachuufis itti faayyadamu. yoo fedheniis odeeffannoo kanneen dabarsanii ni gurguratu.

Tarii maallaqa naaf lakkaa’aa jira, utuu hin kaffalu ta’ee akkasitti hin lakkaa’u ture jettanii dogongoruu dandeessu. isa kanaaf deebii gahaan, weebsaatichi dhugaa of fakkeessuu fi namoota dogongorsiisuf akka namni amanutti hojjatama. Gabaabaatti maallaqa ni lakka’a garuu hin kafalu.

Gowwoomsaan akkanaa websaayitii qofaa irrattii miti, telegram bot garaa garaa maqaa baankii fi dhaabbilee gurguddootiin banamanii “Yoo nama hammanaaf share gootan qarshii hangana argattu” jedhanii qindeeffamanii kan hojjatan ni jiru. Maallaqa keenya sirriitti nuuf herreegu, Namoonni tokko tokkos ‘Anaaf kaffalameera’ jedhanii isin sobu. Garuu jarri akkanaa kun sumuunii tokko siif hin kafalan.. Bakka itti iyyattaniis hin qabdan.

Akka walii galaatti Hannaafi Gowwoomsan interneeta kana irraa hedduudha. isin immoo maatifi hiriyoota keessaniif hubannoo kennuun wantoota kanaan wal qabatan irraa akka of eegan taasisaa.

Maallaqa Online irra hojjatte baafachuu barbaadda?
https://oromiasamsung.com/online-payment-service-ethiopia/

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time