Facebook bakka argama keenyaa fi bakka nuti deemnu hunda to’achuu akka danda’u beektuu?

Facebook bakka argama keenyaa fi bakka nuti deemnu hunda to’achuu akka danda’u beektuu? warri beektan immoo akka inni isin hin to’anne gootaniittuu? Akkamiin to’annaa kana jalaas bahuu dandeenya?

Moosaajii Facebook yammuu bilbila android akkasumas iphone irratti feenutti dhaabbata miidiyaa hawaasaatiif bakka jireenyaa keenya isa sirrii ta’ee fi bakka nuti deemnu tokko tokkoon akka nu hordofu hayyamneerra jechuudha. Kanaas ‘Location history’ kan jedhamu keessaa waan sirreessuu qabnu hin sirreessine taanaan Appicha seennee fayyadamaa hin jirru yoo ta’ellee sochiin keenya tokko tokkoon hordofamaa oola.

Garuu location history keessa seennee waan sirreessuu qabnu sirreessinee akka hin hordofamne gochuu dandeenya. Haa ta’u malee kana gochuu keenyarraan kan ka’e kallattii bu’uureffachuun tajaajiloota kennaman: Fakkeenyaaf, suuraa tokko yeroo maxxansinu bakka nuti suuraa itti kaane suuricharra jiraachuu fi “Near by friends” kan jedhu hiriyoota keenya faana bakka nuti itti argamnu fi tajaajila nuti waliin qooddannus achumaan nurraa dhaabbata. Fakkeenyaaf namoota naannoo keenyaati fi biyya keenyaa suggest gochuu ni dhaaba.

Kanaafuu, wanti filatamaan yeroo nuti moosaajii Facebook hin fayyadamnetti akka inni nu hin hordofne gochuudha. Fayyadamtoonni bilbila iphone kan taatan bilbilli keessan ofiisaa akkas akka gootan filannoo isiniif kenna. Bilbila android kan fayyadamtaniif immoo feesbuukiin sirreeffama haaraa hamma fidutti ykn guutuummaatti ofirraa dhaabsisnee tajaajilichas ofitti yoo hanqisne malee akkas gochuu hin dandeenyu.

Garuu al-kallattii furmaatni tokko argameera. Kanaafuu fayyadamtoonni android Feesbuukii yoo seenne malee background yeroo hunda akka isin hin hordofne gochuuf tartiiba kana sirnaan hojiirra oolchaa:

1. Moosaajii Facebook keessanii banaa
2. Gara olii mallattoo sarara sadii jirtu tuquun menu keessa seenaa
3. Settings & Privacy cuqaasaa
4. Privacy shortcuts kan jettu filadhaa.
5. Manage your location settings kan jedhu cuqaasaa.
6. Dhumarratti Background location kan jedhu off gochuun dhaabsisuu dandeenya.

Fayyadamtoonni iphone bilbilli keessan ofiisaa Appii isin akka inni background isin hin hordofne gochuu barbaaddan akkasumas waliigalatti akka isin hin hordofne gochuu ni dandeessu. Kana gochuuf tartiiba armaan gadii sirnaan hordofaa:

1. Settings keessa seenaa
2. Privacy kan jettu cuqaasaa
3. Location services filadhaa
4. Moosaajiin hundumtuu background akka isin hin hordofne gochuuf gubbama isaa location & services kan jedhu off godhaa. App keessaa filattanii gochuuf immoo kan tarreeffamanii jiran keessaa filachuun ‘Never’ kan jedhu cuqaasuun tasumaa akka isin hin hordofne gochuu dandeessu, akkasumas ‘while using’ kan jettu cuqaasuun yeroo fayyadamtan qofa malee background akka isin hin hordofne gochuu dandeessu.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time