Kompiitarri maali? Akkamiin dalaga?

Kompiitara (Computer) jechuun meeshaa waa tokko shallagu(compute) jechuudha. Bara maqaan kun itti moggaafametti faayidaan kompiitaraa yeroo sanaa inni guddaan waa tokko shallaguudha. Haa ta’u malee yeroo ammaa kompiitarri hamma maqaasaa olitti tajaajila amanuuf rakkisoo ta’an kennuurratti argama. Kuniis kalaqa garaagaraa yeroo yerootti argamee fooyya’aa deemuusaarraan kan ka’eedha.

Akka afaan teknoolojii yeroo ammaatti kompiitara jechuun ajaja namaa ykn ajaja program fudhachuun kan dalagaa barbaadame dalaguudha. Fakkeenyaaf , sanada barreessuuf, herrega shallaguuf, fakkii kaasuuf, interneetii fayyadamuuf, game taphachuuf fi kanneen kana fakkaatan ajajamee hojjechuu ni danda’a.

Kompiitarri tokko dalagaa barbaadame raawwachuuf qaamota bu’uuraa gurguddoo sadii of keessaa qabaata.

Akaakuunis ta’e guddinaan kompiitara garaagaraatu jiru. Fakkeenyaaf, kan harkatti baatamee deemuu danda’u, kan mana keessaa fi kan bakka hojii gargari. Akkasumas baay’ina qaamaa, ariitii fi dandeettii irratti hundaa’uun kompiitara gosa baay’eetu jiru. Haa ta’u malee akkaataan bu’uura hojii kompiitara hundumaa wal fakkaataadha.

Qaamota bu’uuraa kompiitaraa sadan:

1. Qaamota keessoo kompiitaraa kan akka:- Hard Drive, RAM, MotherBoard, Sound card, Video card, CPU fi kkf of keessaa qaba. Akkasumas qaamota alaa kan akka Screen, Keyboard, CD/DVD ROM, Mouse fi kkf qaba.

2. Wantoota harkaan hin qaqqabatamne ‘Program’ jedhamanii kan waamaman:- kan sanada irratti barreessinu, kan ittiin shallagnu, kan ittiin interneetii fayyadamnu, kan ittiin fakkii kaasnu fi kkf kan nu fayyadanidha. Akka faayyadamaan kompiitaraa barbaadetti Program kumaan lakkaa’amantu jiru. Program kompiitaraa hundumtuu maqaa waliiniitiin ‘software’ jedhamanii waamamu. Sooftweeriin kamiyyuu harkaan kan tuttuqamuu danda’u miti.

3. Qaamni kompiitaraa bu’uuraa tokko ‘Operating system’ jedhama. Hiikoon isaa “Akkaataa (sirna) dalagaa” jechuudha Operating system’n qaamota alaa fi sooftweerota madaalee kallattii tokkorra walfaana kan deemsisudha. Fakkeenyaaf, Windows , Mac , Linux fi kkf operating system jedhamu.

Kompiitarri tokko sirnaan hojjechuuf qaamota bu’uuraa kanneen sadan kallattii tokkorratti ijaaramanii walta’uun hojjechuu qabu.

Kompiitarri hafuura 666 wajjin hidhata qabaa?

Namoonni baay’een hojii kompiitarri bara kana keessatti hojjechaa jiru amanuu dadhabuun kun hafuura 666 ti jedhu. Hamma baratamee fi hamma keessa beeknutti kompiitarri qaamota bu’uuraa olitti caqasne kun sadan waltaanaan waan biroo tokkollee hin barbaadu. Garuu kompiitara fayyadamuun hafuura 666 wajjin walitti hidhata uumuun ni jira ta’a. isa kana ammaaf waan beeknu hin qabnu. Garuu kan beekuu qabnu uumamni kompiitaraa hafuuraa kamirraayyuu bilisa ta’uusaati.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time