Mana suphaa mobaayilaa banachuuf meeshaalee barbaachisan 14

Addunyaa yeroo ammaa keessatti Mobaayilli harkaa Technology ariitin guddataa jiruudha. akkuma biyya keenyatti yoo ilaalle faayyadamtoonni mobaayila harkaa Mill. 44.5 darbee jira. kun immoo akka biyya keenyattiis ta’ee, akka addunyaatti ogeeyyiin dhuunfaa fi dhaabbileen Technology hojii kana irratti bobba’an akka baay’ataniif sababa ta’eera.

Maxxansaa har’aa keessatti Mobaayila miidhame suphuuf (Rakkoo Hardware furuuf) meeshaalee barbaachisoo ta’aniin wal isin barsiifna. Meeshaaleen kunniin meeshaalee elektirooniksii birootis suphuuf isin gargaaruu danda’u. Haa ta’uu malee meeshaa kana qabaattef suphaa ni taata jechuu keenyaa miti.

Suphaan mobaayilaafi meeshaalee elektiroonikisii kun elektirikiin wal qabata. dhimma elektirikiin wal qabatuuf immoo dursa irratti Safety/ Nageenyatu kennama. kanaafuu, Leenjii barbaachisu (akkaataa itti faayyadama meeshaa kanneenii) Manneen barnootaa suphaa mobaayilaa galuun fudhachuun ni gorfama.

1. Hiiktuu – Moobayila keenya hiikuu fi hidhuudhaaf nu gargaara. Meeshaan kun manneen suphaa meeshaalee Elektirooniksii hunda keessatti adda dureen kan tajaajila kennuudha. Bilbila tokko hiikuufi suphuuf Hiiktuu gosa hedduu gargaaramuu dandeenya. Hiiktuun suphaa bilbilaaf jedhamanii gurguraman hundi wal faana gabaaf dhihaatu.

2. Multimeter – Reziistaansii fi Voolteejii akkasumas Kaarentii safaruu fi itti fufiinsa Serkiyuutii adda baasuuf nu gargaara.

3. Tinner – Daanda’uu (Zaaguu) dhowwuu fi balfa adda addaa balleessuuf gargaara.

4. Solder Paste – Yeroo Aaysiiwwan buqqisnuu fi keenyu Boordiin keenyaa fi Aayisiiwwan buqqa’an akka isaan hoo’aan hin miidhamneef gargaara.

5. Blower – Hoo’a kennuudhaan aayisiiwwan buqqaasuu fi kaa’uudhaaf nu gargaara.

6. Lead – Qaamota lamaan walitti qabsiisuuf akka wal qabsiisuutti nu gargaara.

7. Jumper wire – Qaamota Serkiyuutii wal gadhiisan lama walitti qabsiisuuf kan faayyadudha.

8. Picker/Twizeer – Aayisii ykn qaamota bilbilaa biraa yeroo Biluuweriidhaan hoo’isnu akka qabduutti meeshaa itti faayyadamnudha.

9. DC power supply – Baatiriirraa vooltii 3.7 kan argamu yoo ta’u, kun qaama voolteejii kennuudha. Akkasumas, bilbilli keenya rakkoo sooftiweerii qabaachuu fi dhiisuu isaa meeshaa nutti agarsiisuu danda’uudha. Dabalataanis, ispiikerii ykn riingerii ilaaluuf nu gargaara.

10. Flash Box – Yeroo suphaa sooftiweeriitti meeshaa kompiitaraa fi bilbila gidduu galuun wal qunnamsiisudha.

11. Board Plate – Boordii bilbila keenyaa yeroo suphinutti ykn yeroo aayisii buqqisnutti akka Boordiin keenya hin sochooneef meeshaa nu gargaarudha.

12. Software cable – Yeroo suphaa sooftiweeriitti bilbila keenyaa fi filaasher booksii meeshaa wal qunnamsiisudha.

13. Computer – Sooftiweerota barbaachisan fe’uuf, filmotaa fi Audio adda addaa fe’uuf baay’ee kan gargaarudha. akkasuma Hardware Library’f ni faayyada.

14. Vibrator – Bilbila bishaan keessa bu’e ykn bilbila biizii ta’e yoo hedduu hin miidhamin meeshaa kana keessa daqiiqaa muraasa tursiisun akka inni hojjatu taasisuu ni danda’a

1 Comment
  1. Reduwanabdureman says

    Wow mashaallah

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time