Bilbila keenya osoo namatti hin kennin dura waan beekuu qabnu

Iccitiin dhuunfaa keenyaa akka hin mul’anneef bilbila keenya osoo namatti hin kennin dura of eeggannoo barbaachisu taasisuun ni gorfama. keessaafuu yeroo ammaa kana nama bilbila keenya nu harkaa fuudhu hunda amanuu hin qabnu. sababni isaa Appiiwwan badii daqiiqaa lamaafi sadi hin caalle jiddutti bilbila keenya keessa awwaalamuu waan danda’aniifidha.

Aappiwwan badii bilbila keenya keessa seennan osoo mallattoo tokko nutti hin agarsiifne suuta suutan iccitii keenya baasanii namticha badii kana nurratti raawwatuuf kennuu danda’u. namni tokko bilbila keessan yoo too’ate balaa isin hin eegin akka tasaatti fiduu waan danda’uuf dursitanii ofirraa ittisuun barbaachisaadha.

Namoonni hedduun password’n isaanii jalaa hatamuu yeroo baay’ee ni dubbatu. Fkn, Facebook koo namni biraan seenee, waan hin taane najalaa maxxansee, suuraa hiriyaa koo waliin kaane akkas na jalaa godhee maal wayyaa.. fi kan kana fakkaatan muudannoo baay’een ni jiru. Rakkoon kun yeroo baay’ee bilbila keenya namatti laachuu irraan kan ka’een dhufa.

Akkuma olitti jenne namni yeroo tokko bilbila keenya qabannaan Aappii badii isa tajaajiluu dhoksaan bilbila keenya keessa awwaaluu danda’a. Bilbila keenya nuhitu itti faayyadamaa jiraa, Garuu bilbilli kun harka keenya taa’ee, gama tokkoon diina keenya tajaajila. kuni waan ajaa’ibaati.

Namni bilbila nu harkaa fuudhe tokko akkamiin passwordi ‘social media’ keenya beekuu danda’a?

Nama waliin jiraattan ta’uu danda’a ykn yeroo isin bilbila faayyadamtan kan isin cinaa taa’ee ilaalu ta’uu danda’a. namni kun Patterni bilbila keessanii yoo beeke, bilbila keessan harkaan qabannaan dafee gara ‘Google Chrome’ seena. achi booda email fi passwordi kan Facebook fi website adda addaa ittiin faayyadamaa turtan kan Chrome ‘save’ godhee qabate hunda baasee fudhachuu danda’a. Kanaaf akka carraa bilbila keessan yoo namatti laattan namni sun pattern keessan beeka taanaan password fi email keessan hunda galmeeffatee booda akka fedha isaa itti faayyadamuu danda’a.

Fakkenya: Ofii kessanii Bilbila keessan seenaa ilaalaa

  1. Chrome banaa
  2. Mallattoo more (…) tuqaati Setting isa jedhuu filadhaa
  3. Sana booda Password isa jedhu tuqaa. yeroo kanatti website kanan dura isin password galchitan hundi tarreedhan isinitti mul’atu.
  4. Amma website dhufan kessaa tokko filaa. Fkn, Facebook.
  5. Mallattoo ‘ijaa’ sana tuqaa passwordi save ta’e hunda ni agartu. (paasswordi save ta’e mul’isuun duratti pattern keessan isin gaafata). namni biraan pattern keessan beeku sun amma passwordi keessan kan save ta’e hunda arguu danda’a jechuudha.

Kana qofa miti, Namootni gorsa laatanifi dhaabbileen Technology adda addaa mala ‘two-step verification’ jedhamu akka faayyadmnu nu gorsu, garuu malli kun nama bilbila keenya harkaan qabachuu danda’eefi pattern ittiin banu beeke jalaa guututti nu baraaruu hin danda’u.

Akkamiin ‘two-step verification’ darbuu danda’a?

Namni Patterni bilbila keessanii arge battala isin dhoksee bilbila isarraa account kessan banuuf yaala. Fkn, accountii kan Google ykn Facebook seenuf yaala. isin kana dura ‘two step verification’ irratti godhattanii jirtu yoo ta’e, yeroo sana ‘verification code’ bilbila keessanitti erga. bilbilichi keessan harka isaa jira waan taheef verification barbaadamu sana baasee itti galfata. achi booda SMS sana Delete godha. hanga gaafa isin bira geessaniitti akka fedha isaa itti faayyadamuu danda’a jechuudha.

Kanaaf akkuma passwordi keessan nama dhoksitan patterni kessanillee nama dhoksaa. Pattern bilbila keessanii nama dhoksuun yoo isin rakkise immoo: bilbila keessan osoo namatti hin kennin dura website fi Facebook seentanii jirtan hunda logout godhaa. keessaafuu chrome guututti qulqulleessaa. akkasumaas namni sun Fb keessan ‘forgot password’ gochuun ‘reset code’ bilbila keessanirratti dhufu argee bilbila kan biroo irraa seenuu waan danda’uuf, Appii ‘message’ bilbila keessaniitti furtuu godhadhaa.

Gorsa Gababaa:

  • Bilbila keenya nama agarre hundatti kennuu dhiisuu.
  • Pattern fi Passwordii yeroo yeroon jijjiirachuu, akkasumas jabaa (strong) godhachuu.
  • Faayiloota yoo badan akka malee nu miidhuu danda’an kararraa maqsuu.
  • Aappii murteessoo ta’an (Gmail, chrome, Gallery, Message, Facebook) fi kkf.. hundatti ‘App locker’ faayyadamuun Passwordii itti godhachuu.
  • Siim kaardii jabeeffachuu, SMS nuuf ergamu hunda too’achuu.
  • Bilbila keenya mana suphaa geessinee biraa fagaachuu dhiisuu ykn mana suphaa amannu qofaatti gargaaramuu.
  • Bilbilli keenya amala addaa yoo nutti fide ‘Format’ gochuun akka haarayatti eegalchisuun itti faayyadamuu.
6 Comments
  1. Ali Adem says

    Galanni kee guddaa!

    1. abdulwasi says

      Tole Lammii

  2. Fahmii Ahmad says

    As wr wb akkam nagaya fayadhaa abdulwasi mashaa Allah barakalaahufiikum rabbiin ol tahee janatul furdowsiidhaan sii haa qaanansiisu beekumsaa bekumsan sif ha dabaluu.

    Barnotaa kanke kan Waa’ee mobailotaa afaran orijinaala jatee gatii isaniiti wajiin keese San biyyaa tenyatii gatiin isanii qalidhaa ✓Samsung Galaxy = A51 Gatin isi 18600 naanoo hararitii

    1. abdulwasi says

      ws wr wabarakaatuhu, Atiis hedduu galatoomi A51 gatii 18600 bituun baay’ee qaalidha. yoo hanga fedhe baay’ate 11,000 caaluu hin qabu

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time