Barnoota Telegram kutaa 6ffaa – waa’ee Bot baradhu

Barntoota Telegram kutaa 6ffaa kana keessatti kan ilaallu;

  • Bot Youtube irraa vidiyoo buusu
  • Bot vidiyoo sagaleetti jijjiiree nuuf buusu
  • Akkasuma Bot Facebook irraa vidiyoo ittiin buufachuu dandeenyu

Akkuma beekamu Data faayyadamuun YouTube irraa vidiyoo buufachuu yoo barbaadne qarshii hedduu nu jalaa fixa. vidiyoo ykn sagalee barbaanne buufachuuf Aappii biroo gargaaramuus nu gaafata. bilbila xixiqqaa yoo kan qabannu tahe, Aappii biroo sanaaf mijataa tahuu dhiisuu danda’a. yeroo kanatti vidiyoo ykn sagalee barbaanne Youtube irraa buufachuuf mala salphaa fi gabaabaa isaa yoo faayyadamuun gaaridha. Kanaaf furmaata gaarii kan ta’u Bot Telegramaa isiniif dhiyeessineerra.

Bot kana yoo faayyadamtan qarshii keessan isiniif qusata, bilbila keessaniifis ba’aa hin ta’u, vidiyoo buufattanis faayila bilbila keessanii irratti save godhaa, akkasumas namaaf qooduus ni dandeessu.

Haala faayyadama isaa:

Liinkii vidiyoo buufachuu barbaaddan sana yoo qabaattan filatamaadha, yoo liinkii hin qabaatiniis asuma telegramaan search gochuu ni dandeessu.

Liinkii yoo qabaattan tartiiba kana sirnaan hordofaa:

  1. t.me/utubebot seenuun start godhaa
  2. Link vidiyoo keessanii paste gochuun itti ergaa
  3. Filannoowwan hedduun isiniif dhufu, vidiyoo fi sagaleen qulqullina garaagaraan isiniif dhufa. Kan fedha keessanii filattu. (Qulullinni xiqqoon hammi isaa xiqqoodha, qulqullina guddaan hammi isaa guddaadha.)
  4. Vidiyoo keessan hammi isaa guddaa yoo ta’e sekondii muraasa booda isiniif fida. Yoo xiqqoo ta’e dafee isiniif fida.
  5. Vidiyoo isiniif dhufe download gochuun daawwachuu fi faayila bilbila keessanii irratti save gochuu dandeessu.

Namoota liinkii hin qabneef:

  1. Jalqaba t.me/youtube seenuun start godhaa.
  2. Gara t.me/utubebot dhaqaa
  3. t.me/utubebot irratti jecha ‘@youtube’ jedhu barreessaa.
  4. Erga youtube jettanii barreessitanii booda sarara tokko siqsuun waan search gochuu barbaaddan barreessaa.
  5. Yeroo barreessitan inline mode dhaan filannoowwan garaagaraa youtube irraa liinkii waliin isiniif dhufu. isaan keessaa kan barbaaddan filachuun barreeffamicha gadi qabuun copy kan jedhu tuquun copy godhaa.
  6. Amma liinkii argattaniittu jechuudha. itti aansuun gara t.me/utubebot deebi’uun stepi olitti ilaalle hordofuun buufachuu ni dandeessu.

Facebook irraa Telegraamaan vidiyoo buufachuuf

Facebook irraa vidiyoo buufachuuf Bot garaagaraa ni jiru. isaan keessaa gaarii kan ta’an lama kan armaan gadiiti.

  1. t.me/anydlbot kan jedhamuudha. Bot kun kanneen biroo irraa kan adda isa godhu liinkii Facebook dabalatee liinkii youtube, instagram fi kan biroollee yoo argattanii paste irratti gootan vidiyoo fi sagaleen filattanii buufachuu isin dandeessisa.

Fayyadamni isaa salphaadha: start gootu > liinkii keessan paste gootu > sagalee fi vidiyoo isiniif dhufu keessaa filattu > vidiyoo ykn sagalee isiniif dhufu download  godhattu.

Haa ta’u malee Bot kun hanqina tokko qaba. hanqinni isaas waan tokko buufattanii ammas lammaffaa buufachuuf daqiiqaa 30 eeguu qabdu.

2. t.me/anyvideodownloadbot kan jedhamu faayyadamuun ni danda’ama. Bot kun liinkii vidiyoo Facebook irraa copy ta’e paste yoo irratti gootan daangaa malee isiniif erga. haa ta’u malee sagalee kophaatti isiniif hin ergu. Sagalee kophaatti buufachuuf kan olitti jenne t.me/anydlbot faayyadamaa. daqiiqaa 30tti tokko tokko buufachuun itti gargaaramaa.

Barnoota Telegram dabarsine keessatti Gaaffii nuuf dhihaate keessaa tokko Bot maqaa isaanii nuuf himtan kana akkamitti argannaa kan jedhu ture:

Deebin isaa: Telegram kee seentee mallattoo search fuula jalqabaa irratti argattu tuquun maqaa Bot barbaaddee sana barreessita. Fkn t.me/anydlbot jechuun barreessita ykn anydlbot qofa barreessunis ni argatta. Fkn biraa channel keenya kan telegram argachuuf t.me/oromosamsung jettee search goota ykn oromosamsung yoo jettees gahaadha.

Bot, channel, Group ykn namoota dhuunfaa argachuuf maqaa isaan filannoo godhataniin barbaadda. (search goota) kuni immoo username jedhamee waamama. Nama ykn Bot ykn Garee tokko argachuuf username isaanii beekuu qabda. eega username argattee booda salphatti Telegram kee banuun search goota.

Barnoota Telegram kutaa 7ffaa: Yeroo dhiyootti..

1 Comment
  1. Tesfu T says

    Ajaa’ibaam! galatoomaa

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time