Barnoota Telegram Kutaa 1ffaa

Waa’ee telegramaa hangam beektu? Teelegraamni tajaajila yoom jalqabe? Miidiyaalee hawaasaa kan biroorraa maaltu adda isa godha?

Teelegraamni kan tajaajila jalqabe 2013 G.C yoo ta’u, namoota lama Nikolai fi Pavel Durov jedhamaniin kan hundeeffamedha. Teelegramni jaallatamummaa guddaa argachuun yeroo gabaabaa keessatti fayyadamtoota mil. 200 ol argachuu danda’eera. 

Biyya Brazil keessatti sa’a 24’f whatsapp yeroo uggurametti teelegramni biyyicha keessaa fayyadamtoota haaraa mil. 5.7 argatee ture. Fayyadamtoonni telegramaa 85% namoota bilbila android OS fayyadamani dha.  Yeroo ammaa kanas fayyadamtoonni telegraamaa saffisaan kan dabalaa jiruudha. kan nama dinqu Teelegraamni addunyaa kanarratti beekamtii guddaa hangana gahu argachuuf beeksisaaf jecha maallaqa hin baasne.

Telegramni yeroo ammaa Afaan 14’n tajaajila kennaa jira. Miidiyaalee hawaasa kan biroorraa kan adda isa godhu nageenya/security/ amansiisaa qabaachuu isaati. Kan biroon immoo ‘Telegram bot’ kan jedhaman qaba. Telegram bot hedduutu jira. isaanis tajaajila gurguddaa karaa salphaa fi gabaabaa ta’een nuuf kennu.

Iccitiin telegrama keessa jiran hedduudha. Baay’een keenya garuu keessa hin beeknu. Haa ta’u wantoonni nu fayyadan hedduun telegraama keessa ni jiru. isaan keessaa ijoon:

1. Telegraama irratti faayila gosa kamiiniyyuu erguu fi fudhachuu ni dandeenya. Akkasumas hammi (size) erginuu fi fudhannu daangaa hin qabu.
2. Telegraama keenya akka back up storage tokkootti fayyadamuu dandeenya. Kuniis bilbilli keenya yoo nu harkaa bade ykn faayilli keenya nu jalaa haqame teelegramaa keenyarraa deebinee argachuu ni dandeenya.
3. Bakka jirtan (Location keessan) kallattiidhaan namaaf erguu dandeessu.
4. Telegraamni beeksisaawwan nama nuffisiisan hin qabu. Kuniis maallaqa fi yeroo keenya nuuf qusata.
5. Appii teelegraamaa keessan Theming keessa seentanii akka isinitti toletti personalize gochuu ni dandeessu.

6. Akkuma Facebook irratti chat turn off goonu telegraama irrattis akka namni online jiraachuu fi dhiisuu keenya hin beeknetti fayyadamuu dandeenya. Dabalataan illee nama akka nu hin agarre gochuu barbaannu kophaatti restrict (adda baasuu) ni dandeenya.
7. Telegram irratti haasawa iccitii (secret chat) haasawuu dandeenya. Secret chat fi normal chat kan adda godhu, secret chat’n guyyaa 1 booda isin biraas, nama waliin haasoftan biraas ni bada. Akkasumas waan isin waliin haasawaa turtan nama biroof forward ta’uu hin danda’u.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time