Bilbilli keessan butameera yoo ta’e amaloota inni agarsiisufi tarkanfii isin fudhachuu qabdan

Bilbilli keenya butameera (hacked) ta’uu danda’a, butamuu isaa maaliin beekna? Yoo butameera ta’e hoo furmaatni maali? Akka deebi’ee hin butamneef maal gochuu qabna?

Bilbilli keessan utuma isin harka jiruu nama biroon butamee to’annaa namaa jala galuu danda’a. Yeroo kanatti iccitiin bilbila keenyarra jiru hundi nama sanattiis ni mul’achuu danda’a jechuudha. Kanaafuu, butamuuf dhiisuu isaa adda baasuun, yoo butameera ta’e furmaata itti godhadhaa.

Bilbilli keenya butamuu fi nagaa ta’uu maaliin beekna?

Saffisni bilbila keenyaa kan duraarraa baay’ee yoo hir’ate ni shakkama. Humni baatirii bilbilaa yoo baay’ee gadi bu’ee fi dafee dafee kan chaarjii fixu yoo ta’e. Asirratti garuu kara biroo kan hubachuu qabnu bilbila keenyarratti software haaraa yoo feenu ykn kan jiru yeroo haaromsinu baatiriin isaa dadhabuu danda’a. Sababa kanaaf miti yoo ta’e garuu butamuusaa shakkuu qabna.

Nama nuti hin beeknerraa ergaan barreeffamaa irra deddeebiin yoo nuuf dhufe fi utuu nuti hin ergin ergaan ergame yoo jiraate. Website garagaraa irraa ajajni ykn ergaan hin beekamne kan isinitti dhufu yoo ta’e shakkuu qabdu. Akkasumas link nutti ergamu kamillee seentanii unka garagaraa hin guutinaa.

Appii amansiisoo hin taane, qarshii (balance) bilbilaan walqabatu kan isin hin buusnee fi bakka inni dhufe hin beekne bilbila keessanirra yoo jiraate. Akkasumas qarshiin SIM card irra jiru karaa hin beekamneen kan hir’atu yoo ta’e shakkuu qabdu. Asumaan akka gorsaatti wantoota iccitii dhuunfaa keenyaa ta’an fi namni biroon arguu hin qabne kamiyyuu bilbila keessanirra utuu kaa’uu dhiistanii gaariidha. kan biraa bilbilli keessan Sagalee kana dura dhageessisee hin beekne yoo dhageessise shakkuu qabdu. 

Akka deebi’ee hin butamneef maal gochuu qabna?

1. Antivirus madda amansiisaa irraa dhufe fayyadamuu. 
2. Appii eenyummaan isaa hin beekamne hunda bilbila keenyarraa haquu.
3. Free-Wifi namoonni baay’een fayyadamaa jiran fayyadamuu dhiisuu ykn baay’ee fayyadamuu dhiisuu.
4. Bilbila keenya jecha darbii (password) cimaadhaan cufuu.
5. Appii bilbila irra jiru kan update qaban hunda yero yerootti update gochuu.

2 Comments
  1. Mahamadtaajuu says

    bayee galatomaa garuu gafiin qabaa jawallaa kee kanii email address kanii qabuu yoo sii jallaa badee argachuf ykn hordofif akamiin iratii cufuu danadayaa

    1. abdulwasi says

      Osoo bilbilli hin badin dursii baradhu!

      Bilbilli android yoo nu jalaa bade ykn hatame eessa akka jiruu fi eenyu akka faayyadamaa jiru beekuun argachuu ni dandeenya. Bilbilli keessan haala hin beekamneen isin harkaa baduu ykn hatamuu danda’a. Yeroo kanatti waajjira poolisiitti iyyannee ykn bakka inni itti bade iyyaafannee argachuu dhiisuu dandeenya ta’a.

      Bilbila bade ykn hatame argachuuf
      https://oromiasamsung.com/bilbila-hatame-eessa-akka-jiruu-fi-eenyu-akka-faayyadamaa-jiru-beekuf/

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time