Aappii Play Store caalu download godhachuuf

Barnoota Guyyaa Har’aa keessatti Aappii play store bakka bu’ee nuuf hojjatu isiniif dhiheessinee jirra. Aappiin kun maqaan isaa Aptoide jedhama. 100% Application fi Game-wwan adda addaa keessatti ni argama.

Sababa Aptoide isiniif dhiheessuu filanneef 3
1, Play Store yoo dide Salphumatti Aappii feene hunda argachuuf. Akka tasaa ta’ee play store keessan tajaajila dhaabuu danda’a. yeroo san Aptoide faayyadamtanii waan feetan download godhachuu dandeessu. Play store na duraa dhaabbate jettanii website eenyummaan isaanii hin beekamne irra deemtanii Aappii download gochuun isinirraa hin eegamu.

2, Aappii play Store keessa hin jirre argachuuf. Aappiiwwaan Play store keessa hin jirre Aptoide keessaa argachuu ni dandeessu. biyyoonni tokko tokko Aappii hin jaalanne play store keessaa ni ugguru. kanaaf nuti Aappiwwan akkasii yoo barbaanne salphumatti Aptoide keessa seennee argachuu ni dandeenya.

3, Aappii Maallaqaan gurguramu bilaasha buufachuuf. Akkuma beekamu Aappiin barbaachisoo ta’an tokko tokko play store keessatti Maallaqaan ni gurguramu. Maarree Aptoide faayyadamtanii Aappiwwan akkasii hunda bilisaan argachuu ni dandeessu.

Aptoide Download godhachuuf https://www.aptoide.com/

Barnoota itti faayyadama Aptoide agarsiisu daawwadhaa

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time