Barnoota Telegram kutaa 3ffaa

  • Appii Telegraamaa isa kam yoo fayyadamne gaariidha?
  • Garaagarummaa akkamii qaba?

Appiin telegraamaa gosa hedduutu jiru. isaan keessaa Telegram, Telegram plus, mobo plus, mobogram, fastgram, vido plus, Telepro (saffisni garuu xiqqaadha), Telegram x fi k.k.f dha.

Egaa kallattiidhaan Appii gosa akkanaa fayyadamaa jechuun nama rakkisa. Sababni isaas gosa kanatu gaariidha jedhanii murteessuuf ulaagaa walxaxaa adda addaa waan qabuufi. Haa ta’u malee Appii telegramaa gosa gosaan jiran garaa garummaa isaanii hubachuun waan isiniif ta’u keessaa filachuun yoo fayyadamtan gaariidha. akkasuma Official kan tahe Telegram nama mill. 500 caalan download godhame yoo faayyadmne ni gorfama.

Moosaajiiwwan Telegramaa baay’een garaa garummaa guddaa hin qabani. isaan akkasii bakka tokkotti ilaalla.

Appii telegramaa kan akka mobo plus, vido gram, fastgram, telegram x fi telepro bilbila RAM isaa xiqqaa ta’ee fi ariitii hin qabne irratti sirnaan hin dalagani. Akkasumas, saffisa interneetii gahaa malee sirriitti hin hojjetani. Walumaa galatti apps kana namoonni fayyadamtan gara kan birootti yoo jiijjiirtan gaariidha.

Namoonni data fayyadamtan maallaqa keessan qusachuuf Telegram plus isa durii yoo fayyadamtan gaariidha. Group fi channel garaa garaa kan hooggantan yoo ta’e immoo Telegram plus yeroo dhumaaf haarome (last update) kan ta’e filadhaa. Gama biroon telegram plus last update kun maallaqa keessan isin jalaa kan nyaatu yoo ta’e Mobogram fayyadamaa. mobogram garuu tajaajilli isaa hamma kan telegram plus last update hin gahu. Haa ta’u malee maallaqa baay’ee qusata.

Namoonni wifi fayyadamtan kan bilbilli keessan RAM ykn ariitii gaarii qabu telegram plus last update kan jedhamu yoo fayyadamtan filatamaadha. Ariitii ykn RAM bilbila keessanii xiqqaa yoo ta’e immoo mobogram fayyadamaa.

Kan biroon akkuma olitti jenne official kan tahe Telegram beekamaa taheedha. Namoonni hedduunis isa faayyadamu, wantoota haaraya yogguu itti dabalan update gootuu, kallattiin isin gaya. Telegram kuni tajaajila haaraya ‘video call’ dhiheenyuma kana jalaqabee jira. Garuu Telegram kun yeroo waliin waan tarkaanfatuuf bilbiloota xixiqqoo irratti hojjachuu dhiisuu danda’a.

2 Comments
  1. Oliyad Abdu says

    galanni keessan guddaadha.

  2. salah mustefa says

    you are our best technology teacher continue we following.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time