Laptopi ykn kompiitara dadhabu Haala kamiin boqachiisuu qabna?

Kompiitarri ni dadhaba, akkuma namaa hojiin yoo itti baay’ates saffisni hojii isaa ni hir’ata. Kanaafuu, hamma barbaachisaa ta’e erga itti faayyadamnee booda boqachiisuun barbaachisaadha.

Kompiitara keenya karaalee adda addaan boqonnaa akka argatu gochuu dandeenya. Haa ta’u malee karaa kamiin wayya kan jedhu kan wal nama falmisiisudha. Kanaaf, armaan gaditti karaalee kompiitara keenya ittiin boqachiisnu sadi faayidaa fi hanqina isaanii kan ilaallu ta’a.

1. Sleep gochuu

Operating system duriitiin ‘standby’ kan ture, amma immoo ‘sleep’ jedhamu saffisa kompiitaraa kan hir’sudha. Kompiitara keenya ‘Sleep mode’ irra yoo goone RAM irraan kan hafe humnoota gara kutaa kompiitaraa irra raabsaman irraa hir’isuun kompiitara keenyaaf boqonnaa kenna.

Faayidaan ‘Sleep’ kan biroon, utuu kompiitarri hin cufamin dura waan dalagamaa ture ‘Save’ gochuun hojii gidduutti dhaabnee turre saffisaan itti fufuuf nu gargaara. Haa ta’u malee ‘Sleep’ gochuun humna gahaa gaafata. Gidduutti humni yoo bades wantoota nuti utuu ‘save’ hin godhin dhiisne baduu danda’u. Kanaafuu, yeroo hunda kompiitara keenya utuu ‘Sleep’ hin godhin dura hojiilee jalqabnee jirru ‘save’ gochuun barbaachisaadha.

2. Shutdown gochuu

Baay’ee keenya kompiitara cufuuf ‘shutdown’ gochuu filanna. yeroo kanatti want hunduu ni cufama, RAM’n isaas ni bada. Walumaagalatti kompiitarichi sochii hunda ni dhaaba jechuudha. Kompiitarri ‘shutdown’ ta’ee jiru humna tokkollee hin gargaaramu. kanaaf yeroo kanatti boqonnaa gaarii irra jiraachuu nu hubachiisa.

3. Hibernate gochuu

Kompiitara keenya ‘Hibernate’ yoo goonu hojiin nuti irratti hojjechaa turre RAM osoo hin taane ‘Hard drive’ irra taa’u. Kompiitara keenya yeroo kaasnutti wantoota nuti utuu save hin godhin dhiisne argachuu ni dandeenya. ‘Hibernate’ gochuunis hamma tokko humna ni barbaada.

Kanneen armaan olii sadan ilaalchisee yaadota ijoo:

Kompiitara ‘sleep’ goonee deebisnee yoo bannu banamuuf xiqqoo yeroo fudhachuu danda’a. ‘Hibernate’ fi ‘Shutdown’ yeroo goonu banuu fi cufuu irratti humna walfakkaataa gargaaramu Kompiitarri/laptop keenya humna fixuuf yoo ta’e ykn humni baduuf yoo ta’e ‘Hibernate’ gochuun filatamadha.

Yeroo akkamii Sleep , Shutdown ykn Hibernate gochuu qabna?

Kompiitara keenya guyyaatti sa’aatii dheeraaf walitti aansinee kan fayyadamnu yoo ta’e guutummaan guutuutti ‘Shutdown’ gochuu nurraa hin eegamu. Garuu gidduu gidduutti yeroo muraasa qofa fayyadamna yoo ta’e, ‘Shutdown’ gochuun gaariidha. Waan hojjechaa jirru tokko deebinee itti fufuuf ‘Sleep’ gochuun filatamaadha. sa’aatii muraasaaf ykn guyyoota muraasaaf boqachiisuuf ‘shutdown’ gochuun barbaachisaadha.

Waan hojjechaa jirru tokko sa’atii muraasaaf addaan kunnee itti deebi’uuf ‘Hibernate’ yoo goone gaariidha. walumaagalatti karaalee sadan armaan olii fayyadamuun yeroo barbaachisaa ta’etti karaa barbaachisaa ta’een kompiitaraa/Laptop keenya boqachiisuun barbaachisaadha.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time