Pattern ykn Password’n mobaayilaa akkamiin hojjata?

Akkuma beeknu pattern mobaayila keenyaa tuqaalee sagal jiran walqunnamsiisuudhaan uumama. Yeroo kanatti yoo xiqqaate tuqaaleen afur walqunnamuu qabu, akkasumas tuqaa tokko al lama irra deebiin  filachuu hin dandeenyu.

Pattern’n itti galchinu eessa kaa’ama? Ykn bakka kamitti save ta’a?

Mobaayila android tokko pattern dhaan yoo cufne pattern sun dhoksaadhaan folder ‘data’ jedhu keessa kaa’ama. Maqaan faayila pattern sanaa “Pc.key” jedha. Haa ta’u malee folder kana kallattiin seennee ilaaluu hin dandeenyu. Garuu ADB interface irra yoo goone ykn mobaayilicha yoo root goone bannee ilaaluu dandeenya.

Pc.key file sana yoo banne pattern/password keenya kallattiin arguu dandeenyaa?

Pc.key file yoo banne ilaalleyyuu kallattiin pattern/password keenya ilaaluu hin dandeenyu. Sababni isaas password’n kamiyyuu yeroo save godhamee kaa’amu dursa akka namni hubachuu hin dandeenyetti encrypt ta’a. Kana gochuuf mala ‘Secure hash function’ jedhamu fayyadama.

Fakkeenyaaf: mobaayila keenya pattern tuqaalee 752369 irra jiru walitti fidnee cufne haa jennu. Pattern kun yero save ta’u bifa kanatti jijjiiramee encrypt ta’a: 0×82 0×79 0x0A 0xD0 0xAD 0xEB 0×07 0xAC 0x2A 0×78 0xAC 0×07 0×03 0x8B 0xC9 0x3A 0×26 0×69 0x1F 0×12

Pattern mobaayila keenyaa yoo daganne deebinee bilbila keenya banuuf maloota lama fayyadamuu dandeenya. isaanis:- 

1. Hard reset (reset & factory):- Malli kun kan barame yoo ta’u faayila mobaayila keenyarra jiru kan haquudha. Egaa pattern bilbilaa faayila waan ta’eef inniis duukaa haqama jechuudha. Kana booda bilbila keenya akka haaraatti itti fayyadamuu jalqabna.

2. Root gochuu:- Mala kana yoo fayyadamne yeroo mobaayila root goonu pattern/password keenya kan baatu pc.key file arguu waan dandeenyuuf isuma haquudhaan pattern/password daganne sana balleessuu dandeenya. Mala kana yoo fayyadamne faayilli keenya osoo hin badin pattern/password daganne haqnee kan biroo bakka buufachuu dandeenya.

3 Comments
  1. Yahya says

    Galatoomi abdul wasi

  2. Chala Jafer says

    Tole gaarii dha kaa Abdulwasi android 5.0 oliin na rakkifte root namaaf hin taatu pc malee karaa itti root godhamu osoo mala nuuf dhooytee gaariidha. Barnootni isin dabarsitan hedduu nama fayyada. Abbaa itti fayyadameef bu’aa guddaa buusaa jira. Nuuf jabaadhaa!

  3. Maki @ kiya says

    Mobayilii koo pattarniin isaa najaalaa badee akkam godheen banuu dandaa ergaa cuufee batii 5 guutee mee nattii himii

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time