Teamviewer Maali? Akkamitti Itti Faayyadamna?

Maxxansa har’a keessatti akkaataa itti faayyadama softweera ‘Teamviewer’ ilaalla. softweerri kun faayidaalee hedduu kan qabu yemmuu ta’u yeroo ammaa bal’inaan hojirra oolaa jira. Fkn, Isin hojiidhaaf bakka fagoo osoo jirtanii yoo kompiitarri keessan isin jalaa miidhame namni sirreessu ykn abbaan ogummaa osoo qaaman hin dhufin fageenyuma taa’ee rakkoo kompiitaricha keessanii hiikuu ni danda’a. (osoo kompiiatarri keessan guututti hojjachuu hin dhaabin jechuu)

Ogeessa IT fageenya jiru irraa leenjii gahaa fudhachuu yoo barbaaddan karaa softweera kanaan wal quunnamuu ni dandeessu. Namtichi fageenya taa’ee Kompiitara/Laptop keessan keessa gale, osoo isin argaa jirtanii guututti too’achuu (control) gochuu danda’a. kuni immoo akka barsiisaa gabatee si fuul-dura jiru irratti si barsiisaa jiruun wal fakkaata.

Dabalataan, bilbila harkaa Android ykn iphone faayyadamtanii kompiitara keessan to’achuus ni dandeessu. yoo barbaaddan bilbila tokkoon bilbila biroo kan fagoo jiru too’achuus ni dandeessu.

Kuni kan ta’u walii galtee namoota lamaanin yemmuu ta’u, dhoksaan wanti raawwatamu hin jiru. Softweerri kuniis seera qabeessadha. Tarii namtichi kompiitara kankee keessa gale, amanamaa yoo hin taane, dhoksaan dhimma birootif itti gargaaramuu danda’a. Garuu kuni yoo ati waa’ee kompiitaraa irraa hubannoo hin qabneefi wanta inni raawwachaa jiru hin beekne qofa ta’a. kanaafuu; Namoota amanamoo qofaan wal quunnamuufi wanta inni raawwatuus sirritti hordofuun ni gorfama.

Kompiitara tokkoon Kompiitara biroo quunnamuuf

Dursa irratti Teamviewer kompiitara ykn Laptop kee irratti buufachuu qabda. Namtichi sihiin wal quunnamuu barbaade suniis softweeruma kana buufachuu qaba. https://www.teamviewer.com/en/download/windows/

Fuulli jalqabaa Teamviewer bifa suuraa asii gadii kana fakkaata.

Amma namticha ykn ogeessa kan akka kompiitara kee keessa galu barbaadduf ID fi Password siif mul’atu kana kennitaaf. (bakka xiyyi diimaan agarsiisu mil’adhu). yoo immoo Ati kompiitara isaa keessa galuu barbbaadde isatu ID fi Password barbaadamu kana siif kennuu qaba. Jecha darbii (password) ofii isaatiin yeroo yerootti ni jijjiira waan ta’eef yeroo wal quunnamuu barbaaddan sanatti Password haaraya waliif laachuu qabdu.

Fakkeenyaf; sihitu hiriyaa kee quunnamuu barbaade yoo jenne, Gama mirgaatin bakka Partner ID jedhu sanatti (bakka xiyyi magarisni agarsiisu) ID fudhatte sana galchita, itti aansun Connect goota, achi booda Password si gaafataa, itti guutta. kallatttiin screen kompiitara kee irratti kompiiatarri hiriyaa keetii siif mul’ataa too’achuu dandeesse jechuudha.

Kan biroo immoo ‘unattended access‘ kan jedhamu ni jira. inni kuni Ati bakka biroo teessee yeroo barbaaddetti, sa’aatii barbaaddetti kompiitara kee keessa galuuf si gargaara. Ykn hiriyaa kee akka barbaadetti kompiitara kee keessa akka galuuf yoo eeyyamte itti faayyadamuu dandeessa.

‘unattended access’ faayyadamuuf Partner ID’n isuma olitti jenne ta’ee, Garuu passwordi haaraya hojjachuufi barbaada. kana gochuuf Teamviewer keessa eega seentee, setting > ‘setup unattended access’ kan jedhu keessa galtee jecha darbii (password) mataa keetitti jijjiiratta. Passwordi uumte kana hojiidhaaf yoo ta’erraan kan hafe nama kamittiiyyuu agarsiisuu hin qabdu. sababni isaas, namni jecha darbii kana beeku tokko osoo Ati hin eegin gara kompiitara keetii seenuun rakkoo sirratti uumuu danda’a waan ta’eef.

Bilbila keenyan Kompiitara keenya too’achuun akkamitti? Ykn Bilbila tokkoon bilbila biroo too’achuun akkamitti?

Karaan isaa tokkuma. Osomaa ta’uu bilbila irratti Teamviewer gosa hedduutu jira. isaan keessaa lama yeroo baay’ee faayyadmna.

  1. Teamviewer Remote Control
  2. Teamviewer Quick Support

Bilbila keenyan Kompiitara keenya seenu yoo barbaanne kan lammaffa buufanna. Bilbila keenyan bilbila hiriyaa keenyaa seenuu yoo barbaanne Nuti kan lammaffaa qabaachuu qabna. Garuu hiriyaan keenya sun kan tokkoffaa qabaachuu qaba.

Teamviewer fayyadamuuf qaamni lameen, ykn kompiitarri lameen ykn bilbilli lameen qunnamtii intarneetaa qabaachuu qaba.

2 Comments
  1. Ramadan says

    Galatoomi mr

    1. abdulwasi says

      Dubbisuuf Guddaa Galatoomi

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time