VPN interneeta uggurame hojjachiisu Download gochuufi Hojjachiisuf

Ethiopia keessatti Qunnamtiin interneetaa irra deddeebin ugguramuu ni danda’a. Haa ta’uu malee maloota interneeta uggurame ittiin hojjachiisan faayyadamuun tajaajila nurraa kutame argachuu ni dandeenya. Garuu dursa irratti, osoo interneetin hin cufamin bilbila keenya irratti VPN barbaachisu qopheeffachuun nuyirra jiraata.

VPN barbaachisu kan yourfreedom jedhamu liinkii itti aanu tuquun buufadhaa. www.your-freedom.net yoo liinkii kanarraa buufachuun isin rakkise kallattiin playstore galuun YourFreedom jedhaa barreessaa buufadhaa.

Hojjachiisuf tartiiba armaan gadii Hordofaa.

  1. Appiliikeeshinicha download gootanii ‘install‘ erga godhattanii booda banaa.
  2. configure” kan jedhu keessa galuun “General” kan jedhu tuqaa
  3. General” kan jedhu keessa yeroo seentan, “Fundamental Setting” kan jedhu jira.
  4. isa jalatti “Enable Expert Mode” kan jedhu “ON” godhaa.
  5. Sana booda “back” kan jedhu tuquun “General” kan jedhu gajjallaa “Connection” kan jedhu tuqaa
  6. Achii “Wizard” kan jedhu ni dhufa. isa cuqaasuun “HTTPS , HTTP fi DNS” irratti “tick” godhaa.
  7. Sana booda “back” gochuun achuma “Wizard” jalatti “Connection Mode” kan jedhu ni jira. Achi jalaa “DNS” kan jedhu erga tuqxanii “back” gochuun bakka jalqabaatti deebi’aa.
  8. Dhuma irratti “Wifi” “ON” gochuun, ‘Your freedom VPN’ keessan bantanii “Configure” isa jedhu cinaa “Start Connection” kan jedhu cuqaasaa.

Erga cuqaastanii booda hojjachuu yeroo jalqabu gara gadii “sararri keelloo” kan sosocho’u (graph) hojjachaa deema. Ergasii appiliikeeshinii barbaaddan (Facebook dabalatee) banuun fayyadamuu dandeessu. waliif qoodaa.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time