Interneetii yeroo fayyadamtan of eeggannoo barbaachisoo gochuu qabdan

Interneeta irratti tajaajilli isin argattan nageenya/fayyummaa gaarii qabaachuu dhiisuu danda’a. Sababa kanaan bilbilli/laptop, odeeffannoo,  account garagaraa fi kkf keessan rakkoof saaxilamuu danda’a. Kanaafuu, yeroo inerneetii fayyadamtanitti qabxiilee armaan gadii yaadachuun sirnaan hojiirra oolchaa:

Kompiitarri fayyadamaa jirtan kan dhuunfaa keessanii miti yoo ta’e:

  1. Web browser itti fayyadamtan kan yeroo waliin jiru (update kan ta’e) ta’uusaa mirkaneeffadhaa
  2. Browser seentanii account keessan ni seentu yoo ta’e, password isaa save hin godhinaa
  3. Kompiitarichi antivirus qabaachuu check godhaa
  4. Memory card fi Flash yeroo itti galchitan scan gochuu hin dagatinaa
  5. Faayila keessan kompiitara irratti copy gootanii jirtu yoo ta’e yeroo fayyadamtanii xumurtan irraa haqaa
  6. Yeroo fayyadamtanii xumurtanitti account Facebook , email fi kkf kamiiniyyuu kan keessan kan ta’e Logout godhaa

Hubachiisa: Namoonni tokko tokko browser yoo cufan , account’n waan irraa badu itti fakkaata. Kanaafuu, utuu browser close hin godhin dura account keessan hunda Logout godhaa.

7. Account keessan utuu Logout hin godhin yoo interneetiin bade ykn humni elektirikii bade, account keessan save ta’ee irra taa’a. Kanaafuu, hamma interneetiin/humni elektrikii bade deebi’ee dhufutti eeguun account keessan Logout godhaa. Yookiin immoo akkuma sanaan bilbila keessaniin Account keessan seenuun password jijjiirradhaa.
8. Yeroo fayyadamtanii xumurtan history jiru clear gochuus hin dagatinaa.

Akka waliigalaatti gorsaawwanii fi of eeggannoowwan armaan gadii yaadaan qabadhaa:

1. Yeroo kamitti illee haa ta’u interneetii yeroo fayyadamtanitti balaa guddaa akka ibiddaa keessa akka jirtan hubadhaa.

Fakkeenyaaf, namni biroon IP-address keessan fayyadamee yakka garagaraa kan akka: baankii hatuu, daataa nama dhuunfaa fi dhaabbilee garagaraa butuuf balleessuu fi kkf yoo raawwate, akka waan isin raawwattaniitti ilaalama.

2. Kompiitarri ykn bilbilli isin fayyadamtan nama biroon butamee (hack ta’ee) akka tasaa of cufee achumaan yoo hafe faayilaa fi odeeffannoo achirraa qabdan dhabuu dandeessu. Kanaaf, kana beekuun of eeggannoo godhaa. Kompiitarri ykn bilbilli gosti kamillee hacker jalaa miliquu hin danda’ani. Karaa nuti hin beekneen butamuu danda’u.

Walumaagalatti interneetii yeroo fayyadamnutti balaa nurra gahu ittisuuf of eeggannoo olitti caqasne hunda sirnaan raawwachuun barbaachisaadha.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time