Telegram keenya hatamuu fi dhiisuu maalin beekna? Yoo hatame hoo furmaatni isaa maali?

Telegraamiin keenya hatamuu fi dhiisuusaa maalin beekna? Yoo hatame hoo furmaanni isaa maali? Akka deebi’ee hin hatamneef maal gochuu qabna?

Telegraamiin akkuma whatsapp, viber, imo, tango fi kkf ‘messagging application’ jalatti kan ramadamu yoo ta’u ‘SMS based verification process’ irratti hundaa’uun nu jalaa hatamuu danda’a.

SMS based verification process dhaan akkamitti hatama?

Namni tokko lakkoofsa bilbila keenya gara kansaatti divert godhee ‘verification code’ kansaarratti akka dhufu godhee Telegrama keenya seenuu ni danda’a. Akkasumas bilbila keenya ykn simcard ittiin telegraama banannee jirru yeroo muraasaaf yoo harka isaa gale, namni sun telegrama keenya salphaatti seenuu ni danda’a. Kana jechuun akka kan isaatiitti waan fedhe balleessee waan fedhe nama barbaadetti erguu danda’a jechuudha. Akkasumas iccitii Telegraamarra kaawwanne yoo jiraate ilaaluu ni danda’a.

Telegraamiin keessan hatamuu fi dhiisuusaa baruuf tartiiba kana hordofaa.

Telegram > Setting > Privacy & security > Active session cuqaasuun ‘Current session’ kan jedhu jala tokkoo ol (model bilbila keetin ala kan biraa) yoo jiraate hatameera jechuudha.

Hubachiisa: appii lamaa fi isaa oliin bilbila keessanirraa seentanii jirtu yoo ta’e akkasumas kompiitara keessanirraa yoo seentanis ‘current session’ jala waan jiruuf tokko tokkoon model bilbilaa fi kompiitarichaa achirraa ilaaluun yoo kan keessan miti ta’e hatamee jira jechuudhaa.

Yoo hatamee jiraate furmaatni isaa maali? 

‘Current sessions’ kan jedhu jalaa model bilbilaa ykn kompiitara keessanii kan hin taane sanarra altokko cuqaasaa. Yoo cuqaastan ‘Terminate this session?’ jedhee yoo isin gaafatu ‘OK’ godhaa. Bilbila keessanirratti app tokko qofaan kan fayyadamtan yoo ta’emmoo ‘Terminate all sessions’ kan jettu cuqaasuun ‘OK’ godhaa. san booda battalumatti telegraamiin keessan bakkoota biroo irraa ‘Log out’ ta’a.

Akka deebi’ee hin hatamneef maal gochuu qabna?

Setting > Privacy & security > two step verification > set additional password kan jettu cuqaasuun password yaadattan haaraya galchaa. itti aansuun ‘Re enter your password’ yoo jedhu passwordicha irra deebiin galchaa. itti aansuun ‘Your email’ jedha. Achirratti e-mail keessan galchaa. Yoo email hin qabdan ta’e email haaraa banachuun galchaa. Email keessan yammuu galchitan ‘verification code’ email keessanirratti isiniif ergame guuti isiniin jedha. Gara Gmail dhaqxanii ‘verification code’ fudhachuun irratti galchaa.

Kana booda telegram keessan bakkoota birootti seenamuuf yoo jedhu confirmation code malee dabalataan passwordi amma itti gootan gaafata. Kun telegraamiin keenya akka hin hatamneef furmaata guddaadha.

Yoo password daganne akkam goona?

Akks tasaa yoo password keessan dagattan immoo ‘Forgot Password’ kan jettu cuqaasuun ‘Verification code’ email irratti ergame fudhachuun galchaa. Kana booda seenuu dandeessu.

Hubachiisa: Appii Telegram haaraa irratti forgot password gootanii yammuu seentan ‘Two step verification’ keessan waan haqamuuf , irra deebi’uun Two step verification uummadhaa.

Haala kanaan nageenya amansiisaadhaan fayyadamuu dandeessu.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time