Kompiitara keenya Antivirus gosa kamiin fayyadamuu qabna?

Antivirus program ykn Antivirus software kan jedhamu softiweera kompiitara keenya balaa vaayirasii garaagaraa irraa ittisuu fi vaayirasii kompiitara keenya keessa jiran balleessuun nageenya kompiitara keenyaa kan eegudha. Kompiitara antivirus malee fayyadamuun akka nama kophee malee qoree keessa adeemuuti. antivirus kompiitara keenyaaf bu’aa guddaa qabaatullee, antivirus gosa kam filannee akka fayyadamuu qabnu adda baasuun rakkisaa fi dhimma murteessaadha.

Antivirus interneetiirra jiran hundi tajaajila eegumsaa nuti barbaannu nuuf kennuu hin danda’an. Antiivirus haaraa ta’an baay’een isaanii virus kompiitara keenyarraa ittisuu kan hin dandeenye yoo ta’an, Kaan isaaniimmoo Antivirus software kan dhugaa miti. 

Kanaafuu nageenya kompiitara keenyaaf antivirus amanasiisoo ta’an gurguddoo 5 isiniif dhiyeessineerra

1. KASPERSKY Antivirus Qorannoo vaayirasii kompiitaraa Raashiyaa keessatti gaggeeffameen antivirus KASPERSKY jedhamu kun dandeettii vaayrasii kompiitaraa adda baasuu fi balleessuutiin Antivirus warra kan biroorra bu’aa gaarii galmeesseera. Akkasumas fayyadamnisaa salphaa fi mijataa ta’uun sadarkaa 1ffaa argateera.

2. McAfee Antivirus Plus Antivirus kun biyya keenya Itiyoophiyaa keessatti baay’ee kan hin beekaminiidha. Garuu eegumsa amansiisaa ta’e kennuu fi torban torbaniin virus definition kompiitaraa update gochuun beekamaadha. Virus definition dafee dafee update gochuunsaa softiwaricha erga fe’annee booda virus haaraa amala garagaraa agarsiisan adda baasee balleessuudhaan eegumsa amansiisaa kenna.

3. Bitdefender Antivirus plus Antivirus kompiitara keenyaaf wayyaa’aa ta’erratti akka tajaajila dabalataatti kan dalagame Autopilot Mode altokko  erga fe’amee booda gargaarsa fayyadamaa kompiitaraa malee tajaajila kamiyyuu ofumasaa akka raawwatu waan gargaaruuf sadarkaa 3ffaa qabateera. Bitdefender Antivirus kun yeroo itti fayyadamnutti carraan weebsaayiitii miidhaa qaban seenuu keenyaa dhiphaadha.

4. Avast Pro Antivirus Biyya keenya keessa baay’een keenya kan fayyadamnu yoo ta’u  Avast Pro antivirus ramaddii dhaabbata qorannoo beekamaa AV-Test institute irratti hundaa’uun sadarkaa 4ffaaf argachuu danda’eera. Vaayirasii kompiitaraa avast jedhamu faayila kompiitara keenyaarraa karaa ittiin adda baasu fi kompiitara keenya ariitiidhaan full-scan gochuusaatiin sadarkaa 5ffaa irraa gara sadarkaa 4ffaatti dhufuu danda’eera.

5. ESET NOD32 Antivirus Tajaajilli antivirus kanaa inni guddaan vaayrasiiwwan neetwoorkii fi system irra jiraniif farra ta’ee kan balleessuu fi rakkoowwan jiran fayyadamaan kompiitaraallee utuu hin argin furuu danda’a jedhamuun kompiitara warning baay’isuuf filannoo gaarii ta’eera.

Walumaagalatti antivirus 5nan addunyaa kanarraa filatamoo ta’an kan armaan oliiti. kanneen malees hedduun ni jiru. Akka amala kompiitara keessaniitti filachuun yoo fayyadamtan gaariidha.

1 Comment
  1. Ramadan says

    Thank you bro

Leave A Reply

Your email address will not be published.

Subscribe to our newsletter
Sign up here to get the latest news, updates and special offers delivered directly to your inbox.
You can unsubscribe at any time